Baqataa Gaambiyaa: 'Doolaara miiliyoona tokko osoo naaf kennamee karaa sanarra hin ba'u'

Madda suuraa, KATE STANWORTH
Qophii keenya xalayaa gaazexessitoota Afriikaatiin, Ismaayil Eyinaashee, baqataa Gaambiyaa Xaaliyaanitti dargaggummaan maatii guddifachaa argate dubbiseera.
Muhaammad Saanee obbolaasaa quxisuu barbaachuuf wayita Gaambiyaarraa baqatu ganna 16 ture.
Hundisaaniyyuu Kaaba biyyattii Baassee keessa akkawoosaanii waliin jireenya gadadoo jiraachaa turani.
Waggaa shan booda garuu, maqaa ijoollummaa Leeksii jedhamuun of waamuu kan filatu dargaggoon kun, Odola Siisiilii keessa Afaan Xaaliyaanii sirriitti dubbachaa maatii guddifachaan isa fudhate waliin gammachuun jiraachaa jira.
Akka maatiin isa guddisan jedhanitti, inni ilma yeroo hunda argachuuf hawwaa turaniifi hin argatin hafan ta’eefi.
Maatiin kun akka guddifachaan isa fudhatan kan godhe ammo obbolaasaa lamaanidha.
Erga kaampii baqattootaatti yeroo shubbisu isa arganii booda. Gurbaan kunis 2015’tti ture Galaanaa Mediteraaniyaan irraa baraaramee baqattummaan Kaampii kan inni seene.
Kaampichis namoota maatiisaa ta’uuf jedhan Antooniyoo fi Giizeelaa Feeraaroodhaan kan bulu yoo ta’u, daa’imman simachuuf bakka Agrigeentoo jedhamutti hundaa'e.
Adeemsa biyya Xaaliyaanitti ‘‘affidemento’’ jedhamuun beekamuufi maatii kunuunsa kennuuf mootummaaraa waraqaa ragaa qabaniif kennamuun maatiin kun isa fudhatani.
Odeessi Leeksii kun waan haaraa miti. Xaaliyaanonni muraasni adeemsa kanaan godaantota daa’immanii Naayijeeriyaa, Maalii, Gaambiyaafi Senegaal irraa kophaa dhufan guddifachaan fudhataniiru.
Jaalala kubbaa miilaafi nyaata bilcheessuu qooddachuu
Haalli Leeksiin keessa jiru garuu, mana itti da’atan qofa akka hin taane mirkaneesseera.
Dargaggoon ganna 22 kun ganna afur darbanitti gama hundaan qaama maatii Feeraaroo ta’ee jira.
Waggoota darbanitti karaa namootaan wal-qunnamaan ture, maatiisaa haaraa ilaalchisee wanti inni miidiyaa hawaasaarra maxxansu baay’ee nama hawwata.
Abbaa biddeenaa waliin ta’uun huccuu Baarseeloonaa kaawwatanii Liyooneel Meesii yoo deeggaran fa’a agarra, jedha gaazexeessaan isa arge.
Maatiin isaas akkaataa inni aadaafi loqoda Faavaaraa kan afaan Xaaliyaanii naannoo Siisiiliitti dubbatamu sirriitti barachuunsaa hedduu isaan gammachiisa.
Nyaata inni jaalatu ‘al forno’ kan hojjattuuf haati biddeenaasaa Giizeelaan, kushiinaan keenya haala Xaaliyaan keessatti hin baramneen mi’eessituuwwan Gaambiyaatiin guutameera jetti.
Nyaata Ramadaanaa
Mana maatii Giizeelaatti nyaanni bakka guddaa qaba, wayita isheen hojii deemtu Leeksiitu hojii harkaa fuudha.
Gosoota nyaataa Siisiiliitti baraman hedduu akka itti bilcheessan kan barsiifteen yoo ta’u, obboleettiinsaa ganna 19 Aliiysiyaan, kan haadhakoorra kan isaatu natti mi’aawa jetti jechuun qoosa.
Akka inni jedhutti Aliiysiyaan inumaa nyaata Gaambiyaatti beekamaa ta’e, ittoo ocholoonii irraa hojjatamu akka bilcheessuuf kadhattiini.
Amantaasaa Islaamaaf kabaja akka qabaniifi ayyaanotaa Iidaas isa waliin akka ayyaaneffatan dubbata Leeksiin.
Yeroo sooma Ramadaanaattillee haatisaa halkaniin kaatee nyaata suurii sahaarii jedhamu akka qopheessituuf hima.
Bara 2016’tti ji’oota shan erga kaampii keessa turee booda maatiin Feeraaroo isa guddisuuf gara akkawoosaa gaabiyaa jiranitti bilbiluun hayyama gaafataniiru. Isaanis hayyama kennanii maatii isa jaalatu argachuu isaaniitiin gammadaniiru.
Karoora Gaambiyaa daawwachuu
Osoo doolaara miiliyoona tokko naaf kenniteellee deebi’ee galaana sana hin qaxxaamuru kan jedhu Leeksiin, haala ittiin gammoojjii gubaa sana qaxxaamuruun Liibiyaa ga’eefi rakkoo achitti isa mudate ibsuuf rakkata.
Rakkoo sana eenyuyyuu akka argu hin hawwu jedha dargaggoon kun.
Abbaansaa Antooniyoon gaaf tokko Leeksii waliin Gaambiyaa daawwachuu akka fedhuufi, achittis mana akka ijaaruuf abdata.
Leeksiin akka godaantota Afrikaa biroo Kaaba Awurooppaatti qalbiin isa hin kaatu. Yeroo muraasaaf Antooniyoo waliin dalagaa kan ture yoo ta’u, amma hojii baay’ee jaalatu hojii faarmaasii hojjachaa jira.
Jireenyisaa fuulduraa achuma Siisiiliitti akka ta’e dubbata.














