Mormii Beelaaruus: Maanguddoon waggaa 73 namoota hidhaman keessa jiru

Madda suuraa, TUT.BY/AFP via Getty Images
Poolisoonni Beelaaruus dubartoota pirezidaantii biyyatti bara dheeraaf biyya bulchan aangoo akka gadhiisaniif mormii dhaggeessisuuf adabaabaayiitti bahan dhiibbaatamaan lakkaa'aman to'annaa jala oolchaniiru.
Dubartoota to'annaa jala oolfaman keessaa Ninaa Baahinskaayaa maanguddoonni waggaa 73 fi sochii mormiitiif fakkeenya taatee ni argamti.
Mormiin ummataa kunis erga pirezidantiin biyyatti filannoo mo'achuu beeksiisanii kaasee waliitti fufinsaan Dilbatawwan jahaaf gaggeeffamaa jira.
Pirezidanti Lukaashenkoo kan waggoota 26 darbaniif Beelaaruuf hoggananan filannoo Hagayyaa 9tiin sagalee caalmaan mo'achuu akkuma beeksiisanii ture mormiin kan eegale.
Mormii Dilabataa kanas irra caalaansaanii dubartoota kan ta'aaniifi kan ummanni gara kuma 200 irratti argame gaggeefameera.
Battalumattis poolisoonni daandii mormitootaa cufuun namoota tokko tokkoon to'achuu eegalan.
Poolisoonni mormiitoota baayyee to'achuurraa kan ka'e iddoon waan dhiphateef dubartoota muraasaa gadhiisaa jiraachuu, maddi oduu AFP gabaaseera.
Haaluma kanaanis Aaddee Baashinskaayaan buufata poolisiitti erga geeffamaniin booda gadhiifamaniiru jedheeras.
Warraabbiin viidiyoo marsariitii walabaa Tut.by jedhamuun maxxanfamee tokko akka agarsiisetti, qondaaltoonni poolisii maanguddoo tana wayita konkolaataa keessa galchuuf dhiibaniitti kaan ammoo alaabaafi ilillii mormatti kaawwatte turte irraa ciraa turan.
Walumaa galattis dubartoota 300 olitu to'atamee jechuun gareen mirgoota namoomaa 'Viasna' jedhamu beeksiiseera. Poolisiin garuu kanarratti homaa hinjenne.

Mormiin kunis dubartoota sadiin kan hogganamee yoo ta'u, isaan keessaa Maariyaa Kolesikovaa qofaatu mana hidhaa hinbu'in hafe.
Isheenis guyyaa aanga'oonni biyyaa akka baatuuf dhiibbaa irratti taasisan diduun paaspoortii ishee wayita baqaqsiiteetti, walitti bu'iinsa kakaasuufi nageenya biyyaa diiguun himatamte.
Sivetlaanaa Tikhaanovskaayaa kan akka paartii mormiituutti faallaa pirezidaantii biyyattii dhaabbattee, filannicha kan mo'atee ishee ta'u dubbatte turte. Kanaaniis biyyaa akka baatuuf dirqisiifamte.
Isheenis Wiixata har'aatti ministiroota dhimma alaa Gamtaa Awurooppaa fi dippilomaatoota waliin akka mari'attu eegama.
Dubartoota mormiicha hogganan sadan keessaa isheen biraa Veronikaa Rsepkaaloon ammoo gara Riippablika Soviyeetii duraniitti akka baqattu taasifamte jirti.














