Tola-ooltummaa: Hogganaan soorama bahuuf jedhu hojjattootasaaf Birrii miiliyoona 470 ol arjoomuuf

Deevid Isteevans
Ibsa waa'ee suuraa, Deevid Isteevans kaampaanii inshuraansii motoraa haadha warraa isaanii waliin bra 1991 hundeessan

Hoogganaan dhaabbata Admiiraal soorama bahuuf jedhu hojjattootasaa galateeffachuuf jecha Dolaara miiliyoona 13 (Birrii miiliyoona 480'tti siqu) kennuufi.

Kennaan hogganaa dhaabbata Admiiraal Deevid Isteeveensii fi haadha warraasaanii Hiitar kun hojjattoota saawuz Weelsi jiran 7,500 fi isaan biyyoota biraa jiran 3,000’f kan qoodamudha.

Hojjattoonni dhaabbii birrii kuma 48, akkasumas hojjattoonni yeroo walakkaa hojjatan ammoo birrii kuma 24 argatu.

Obbo Deevid dhaabbatasaanii bara 1991 haadha warraasaanii waliin kan hundeessan yoo ta’u, akkas jedhaniiru: “garee namoota jajjaboo akkanaa waliin hojjachuu kiyyaaf baay’ee boona.”

“Hojjattoota dhaabbata Admiiraaliin haala kanaan galatoomaa jechuun waan sirriidha,” jedhan.

“Hojiin jabaa isaan hojjataniifi oolmaa isaaniitiin dhaabbanni keenya jalqabbii irraa ka’ee har’a guutuu addunyaarratti hojjattoota 11,000 akka horatu taasiseera.

“Bakki kunis bakka hojiif gaarii ta’ee itti fufa. Anii fi haati warraa kiyya hojjattoota hundaan galatoomaa jechuu bardaanna,” jedhan.

Asiin duras bara 2016 keessa hogganaan duraanii Heenarii Engeelhaart yeroo soorama bahanitti hojjattoota dhaabbii tokkoo tokkoosaaniifi birrii kuma 48 kennaniiru.

Walumaa galatti hojjattoota hundaaf birrii miiliyoona sagal kennanii turan.

Dhaabbanni Admiiraal inshuraansii konkolaataa gama bilbilaatiin gurguruu ture hojjattoota 57’n kan hojiisaa jalqabe.

Dameewwan dhaabbatichaa biroo UK’n alatti Ispeen, Xaaliyaanii, Faransaay, Kaanaadaa, US fi Hindiitti argamu.