'Poolisiin Oromiyaa akka namootni tokko tokko itti duulan miti' - Shimallis Abdiisaa

Madda suuraa, Komunikeeshinii Oromiyaa
Miseensota Poolisii Oromiyaa hanga ammaatti aarsaa lubbuu kaffalan yaadachuuf gidduugalli yaadannoo akka ijaaramu pireezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa himan.
Poolisiin Oromiyaa guyyaa har’aa miseensota poolisii naannicha 4000 ta'aniif guddinna gulantaa kenneera.
Sirna beekamtii fi guddina gulantaa kennuu Adaamaa galma Abbaa Gadaatti Dilbata raawwate irratti Saajin irraa hanga Komiishinara itti aanaatti gulantaan kennameera.
Miseensonni poolisii dirqama heera mootummaa federaalaa fi naannoo Oromiyaan kennameef bahuun gahee olaanaa gumaachaniif guddinni gulantaa fi beekamtii kennameef jedhan Obbo Shimallis.
''Poolisiin Oromiyaa erga naannoon Oromiyaa ijaaramee kaasee aarsaa lubbuu baasuun lafee isaa itti cabsuun aarsaa qixxee hin qabne basuun Oromiyaan bakka amma jirtu akka geessu gumaacha olaanaa bahee'' jedhaniiru Obbo Shimallis.
Poolisiin Oromiyaa keessaahuu Humni Addaa Poolisii Oromiyaa sarbama mirga namoomaan komiin adda addaa irratti yoo ka'u dhagaahama.
Pireezidant Shimallis akka jedhanitti mootummaan miseensota qaama nageenyaa hanqina naamusaa, hanqina oogummaa fi mirga namoomaa fi dimookraasii kabajuurratti rakkoo qaban irratti araarama tokko malee tarkaanfii fudhachaa ture.
''Poolisii Oromiyaa qaama akka namootni tokko tokko itti duulan miti, miindaadhaafis osoo hin taane jaalala biyyaa fi uummataaf qabuun namuusaan aarsaa kaffalaa as gahee'' jedhan.
Jijjiirama akka biyyatti dhufe keessattis gumaacha guddaa qabaachuu dubbatan.
''Poolisiin humna addaa fi idilee Oromiyaa keessa jirtan fayidaa saba keenyaa fi olaantummaa seeraa kabachiisuudhaaf jabaattanii akka hojjettan asumaan dhaamsa koon isinii dabarsa.’’
''Olaantummaa seeraa naamusa cimaadhaan kabachiisuun isinirraa eegamas'' jedhan.
''Naannoon kun qormaata hanga ammaatti arge caalaa qormaata cimaatu fuuldura jira. Qormaata guddaa nu fuuldura jiruuf humni kun of qopheessuu qaba.''
Qophiin kun immoo kan naamusaa, gahuumsaa, gootummaa, ijaarama fi loojistiikiin akka ta’e dubbatan.
Mootummaan Naanno Oromiyaa yeroo kamiyyuu caala qaama nageenyaa kana cimsuuf hojjechaa akka turee fi kan itti fufu ta’uullee dubbatan.
Bara darbe Naannoo Oromiyaa keessa nageenyi akka jiraatuuf Raayyaan Ittisa Biyyaa, Tiki biyyaalessaa Komishiniin Poolisiin Federaalaa, Ripaablikaan gaardii fi Humna Qilleensaa Itoophiyaa gummacha gochuu isaaniif galateeffatan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa akkaataa qajeelfama Poolisiitiin humna addaa barana eebbifamanii fi kana dura tureefis bakka dhaloota isaaniitti lafa mana jireenyaa akka dhiyeessullee Obbo Shimallis himaniiru.
Gootota iddoo adda addaatti wareegamaniifis akkaataa Komishiniin Poolisii Oromiyaa qoratee dhiyeessuun Poolisii erga Oromiyaan hundooftee aarsaa kaffalaa dhufaniif giidduugala yaadannoo Mootummaan Naannoo Oromiyaa akka ijaarus dubbatan.















