Dhimmoota fonqolcha mootummaa Maaliif sababa ta’an shan

Ismaël Wagué speaks during a press conference in Bamako

Madda suuraa, Getty Images

Humni waraanaa Maalii erga pirezidaantii biyyattii Ibraahim Buubakar Keyitaa aangoorraa buqqisee as hawaasi akka tasgabbaa’u dhaamuun mootummaa ce’umsaa filannoof haala mijeessu hundeessaa jiraachuu himu.

Kibxata darbe aangoorraa kaafamuun kan loltootaan hidhaman Pirezidaantichi, ‘’humni waraanaa didee tarkaanfii akkanaarra yoo ga’e murteesaanii fudhachuu malee maal gochuun danda’a?’’ jedhan.

Tarkaanfiin loltoota Maalii kun Gamtaa Afriikaa fi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akkasumas jaarmiyaa biyyoota dhiha Afriikaa, Ecowas, fi biyyoota Addunyaa tokko tokkoon balaaleffatameera.

Inumaa Gamtaan Afriikaa fi Ecowas yeroof miseensummaa keessaa baasuun akka loltoonni kunneen qondaaltota hidhan gadi dhiisan gaafataa jiru, Dhaabbati Biyyoota Gamtoomaniis kanuma deggera.

Humna Waraanaa yeroo ammaa aangoo biyyattii harkaa qabu kan dursaa jiran Koloneel Assimi Gooyitaa, filannoon yeroosaa eeggatee osoo hin turin akka geggeeffamuuf kutannoon hojjenna jedhan.

Ibraahim Baabachar Keïta bara 2018tti yeroo lammaffaa mo'atanii ture

Madda suuraa, Getty Images

Fonqolcha mootummaa Maaliif wantoota sababa ta’an shan

Maaliin biyyoota addunyaarratti hiyyeeyyii jedhaman keessatti kan argamtu yoo taatu kanarratti dabalataan rakkoo diinagdee fi lootee seentummaa jihaadistootaan goolamaa biyya jirtuudha.

Rakkoo guddaan hawaasa dallansiise malaammaltummaa fi humnoota jihaadistootaa ofirraa qolachuurratti mootummaa rincicuusaati.

Maalumaafuu fonqolcha mootummaa Maalii Kibxata darbe(18,08,20) mudateef wantoonni sababa ta’an ijoon shaman maal fa’i?

1. Mufii Uummataa

Lammiileen Maalii kumootaan lakkaa’aman ji’a kana keessa daandiitti ba’uun pirezidaantichi akka aangoo gadi dhiisu gaafachaa turan.

Lammiileen kunneen haala raafama diinagdee biyyattii, rakkoo malaammaltummaa, filannoon burjaaja’uu fi nageenyi biyyattii haalaan goolamuu irratti mormiisaanii dhageessisaa turan.

2. Tasgabbii dhabuu

Maaliin bara 2012 irraa kaastee gama Kaaba biyyattiin garee mootummaa Islaamaa(IS) ofiin jedhan waliin wal waraanaa jirti.

Garuu lootee seentummaan garee daranuu hammaachaa dhufe, gara kutaalee biyyattii hedduuttis babal’atan.

Walitti bu’iinsii fi dhibdeen saboota gidduutti uumamus daranuu hammaate, bara 2020 keessa yoo xiqqaate namoonni 500 sababa kanaan lubbuu dhabaniiru.

3. Mufii loltootaa

Waa’ee nageenya biyyattiirratti kan mufatan uummata qofa osoo hin taane loltoonni biyyattiillee aarii garaadhaa qabu.

Waraana garee jihaadistoota ofiin jedhan waliin bara darbe keessa godhaniin loltoota Maalii keessaa yoo xiqqaate namoonni 100 ajjeefamaniiru.

Kun kan ta’e osoma gareen nagaa eegsisan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi mootummaa Firaansiin bobbaafamanii jiraniiti.

4. Cimina sochii mormitootaa

Warraaqsi mormitoonni Waxabajjii darbe gaafa guyyaa 05, bara 2020 gaggeessan hoogganaan mormituu ,dureen amantaa, Mahmuud Dikoo akkaan akka beekaman gargaareera.

Imaama beekamaa biyyattii kan ta’an Mahmuud Dikoo, lammiilee hedduu mormiif baasuu danda’aniiru.

Lammiilee biyyattii amantiin, siyaasaa, dhaabbilee hawaasaa fi gama hundaan qindeessuun mootummaarratti duulchisan.

5. Fonqolchi Maalii keessatti haaraa miti

Bara 2012 keessa bakkuma amma fonqolchi itti gaggeeffame mooraa waraanaa Kaatii keessatti loltoonni fonqolcha yaalanii turan.

Tibba sana sababa kanaan biyyattiin burjaajii hamaa keessa seentee turte.

Sababa kanaan qaawwa uumametti fayyadamuun gareen al-Qaa’idaa biyyattii gooleera.

Hidhattoonni al-Qaa’idaa kutaalee biyyattii hedduun weeraruun kan qabatan yoo ta’u lammiileen biyyattii garuu ammas obsanii hin ciisne.

Jireenya fooyya’aa fi biyya tasgabbooftuutti ba’uuf kutannoon hojjechuu itti fufan.