Bineensi lafarraa badee ture waggaa 50 booda Afrikaa keessatti argame

Humbii

Madda suuraa, STEVEN HERITAGE

Bineensi baayyee hin beekamne kan akka arbaa ta'ee garuu hanga hantuuta xiqqaatu humbii (Afaan ingiliziin elephant shrew) jedhamu erga badee waggaa 50 booda Afrikaa keessatti argameera.

Humbiin galmee sayinsii 'bineensota badanii' irratti yeroo dhumaaf kan galmeeffame bara 1970 keessa ture.

Bineensi kun kan argame Jibuuti yeroo qorannoon saayinsi gaggeeffamuttidha.

Humbiin akka arbaa funyaan kumbii fakkaatu kan ittin ilbiisa nyaatan qabu.

Yunivarsitii Duuk, UStti saayintiistii qorannoo fi miiseensi qorannoo Gaanfa Afrikaa 2019 kan ta’e Istiivan Heriteeg bineensa kana ‘deebisne fuulatti baasu’ keenyaan gammadeera jedha.

“Yeroo jalqaba kiyyoo sana baannee humbii keessatti agarree hedduu gammanne,” jechuun BBC'tti himeera.

“Bineensi kam akka Jibuutii keessatti argame hin barre ture, yeroo qorannoo irratti eegee isaa agarree ilaallu wanti kun wanta addaa ta’uu barre.”

Sayinstistoonni bineensoti kun Jibuutii keessatti argamuu isaanii dhaga’aanii beeku.

Qorataanfi kununsaan umamaa Jibuutii Huseen Rayaleeh qorannoo kanaratti hirmaate kanaan dura bineensa kana argee beeka jedhee amana.

Namootni Jibuutii keessa jiraataan bineensi humbii ‘badaniiru’ jedhanii kan hin ammanne ta’us, qorannoon haaraa kun bineensota kana gara hawaasaa sayiinsitti deebiseera jedha.

“Jibuutiidhaaf kun oduu barbaachisaa kan biyyattiin akka uumama adda addaa qabdu agarsiisuufi carraan saayiinsii fi qorannoo haaraa akka as jiru kan mul’isudha,” jedha.

Gartuun kun bakka 12tti kiyyoo 1,000 ol kaa’uun kiyyoo kana keessa nyaata adda addaa kaa’uun qopheessani.

Bineensa jalqabaa kan qabatan kiyyoo bakka gogaafi dhakaan guutee Jibuutii keessa jiru kaa’uuni.

Walumaa galatti yeroo qorannoo kanaatti humbii 12 kan argatan yoo ta’u , yeroo jalqabaaf suuraafi vidiyoo bineensota kanaa ragaa sayiinsiif fudhataniiru.

Bakki jireenyaa isaanii bakka qonnaafi jireenyaa namaa irraa waan fagaatuuf ammatti rakkoo keessa akka hin jirre hubataniiru.

Bineensonni kuniifi kan isaaniin wal fakkaatan Somaaliyaa irra darbanii gara Jibuutiifi Itoophiyaa keessatti argamuu kan danda’an fakkaata.