Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Ameerikaa: Doonaald Tiraamp sagaleen filannoo hatamuu danda’a jedhanii maaliif sodaatan?
Pireezidaant Tiraamp maaliif filannoon ji’a Sadaasaarratti taasifamu sagaleen ni hatama kan jedhan maaliif? Filannoo US dhufu irratti lammiileen biyyattii Traamp’f sagaleesaanii kennu ykn pireezidaantii haaraa filatu.
Lammiin biyyattiis isa kana godhuuf sagaleesaanii kennuu qabu. Sagaleesaanii kan kennanis buufata filannootti dhiyaatanii yookiin sagaleesaanii mana poostaatti erguun sagaleesaanii kennuu danda’u.
Malli sagaleesaanii ittiin kennan inni lammaffaan “Mail-in ballot” jedhama.
Ameerikaan yeroo kanatti biyya weerara koronaavaayirasiin heddu miidhamtedha. Biyyattii keessatti namoonni miiliyoona 5 vaayirasichaan yoo qabaman, 170,000 ammoo du’aniiru.
Haala akkanaa keessatti namootaan buufata filannoo deemaatiin sagalee kennaa jechuun ulfaachuu danda’a. Kunis sababoota lamaaf ta’uu danda’a.
Inni tokkoffaan yeroo namoonni buufata filannootti sagaleesaanii kennuuf deeman namootaan wal tuttuquu, tuttuqqii meeshaalee sagalee kennuuf gargaaranii fi wal irraa siqu dhabuun namoonni baay’een rakkoo fayyaatiif akka saaxilaman taasisu danda’a.
Inni kaan ammoo namoonni haala baratameen buufata filannootti sagalee kennuu barbaadan sodaa buufata filannoo deemuun rakkoo fayyaatiif nu saaxila jedhanii waan sodaataniif qofa isa kana gochuu danda’u.
Inni kun ammoo bu’aan filannoorratti dhiibbaa qabaachuu danda’a.
Namoonni siyaasaa akka jedhanitti Doonaald Tiraamp namoonni sagaleesaanii gama poostaatiin akka hin kennine kan barbaadaniif deeggartoonni isaaniiyyuu koronaavaayirasiirratti yaaddoo waan hin qabneef buufata filannoo dhaqanii sagaleesaanii kennuufillee sodaa hin qaban jedhu.
Poostaadhaan sagalee kennuun waan haaraadhaa?
Ameerikaa keessatti gama poostaatiin sagalee kennuun waan haaraa miti.
Kutaaleen bulchiinsaa hedduun mala kana hojiirra oolchaniiru. Malli kunis ‘Absentee ballot’ jedhama.
‘Absentee ballot’ jechuun yoo namni tokko sababa fayyaa, hojii yookiin sababa biraatiin buufata filannoo deemee sagalee kennuu hin dandeenye beeke; “buufata filannoo deemee sagalee kennuu waan hin dandeenyeef waraqaan sagalee itti kennu teessoo kiyyatti naaf dhufee sagalee kiyya gama mana poostaatiin kennaa” jedhee karaa namni sun sagaleesaa kennuu danda’uudha.
Hoji maata kanaan namoonni mana hidhaa jiran, nageenya mirkaneessuuf loltoota waraana keessatti dirqamaaf iddoo biraa jiran, lammiilee biyyattii sababa barnootaaf iddoo biraa deeman yookiin lammiilee sababa biraatiin guyyaa filannoo sanitti teessoo sagalee kennuuf itti galmaa’an sanitti argamuu hin dandeenye hundi mala kanaan sagaleesaanii kennuu danda’u.
Gabaabumatti ‘absentee ballot’ jechuun yeroo namni sagalee kennuu barbaadu sababoota adda addaatiin sagaleesaa buufata filannootti kennuu hin dandeenye karaa gama poostaatiin sagaleesaa kennuudha.
Doonaald Tiraamp maaliif sagalee gama poostaatiin kennamu jibban?
Tiraamp sagaleen gama mana poostaatiin kennamu na jalaa hatama jedhu.
Namoonni siyaasa Ameerikaa beekan akka jedhanitti Doonaald Tiraamp namoonni sagaleesaanii buufata filannootti deemanii akka kennan kan barbaadaniif lammiileen US hedduun sagaleesaanii gama mana poostaatiin yoo ergan kaadhimatoonni Dimookiraatotaa sagalee ol’aanaa argachuu danda’u jedhanii waan yaadda’aniif jedhu.
“Filannoon gama poostaatiin taasifamu sagaleen akka hatamu godha. Ani dursee dubbadheera,” jedhu Doonaald Tiraamp. Ta’us garuu qorannoowwan taasifaman akka mul’isanitti dhugaan jiru kanaan faallaadha.
Carraan sagaleen gama poostaatiin kennaman hatamuusaanii baay’ee gad aanaadha.
Fakkeenyaaf filannoo bara 2016 irratti namoonni tokko sadaffaa ta’an sagaleesaanii karaa kanaan kan kennan.
Kutaaleen bulchiinsaa mala filannoo kam filatu?
Kutaaleen bulchiinsaa hundi adeemsa filannoorratti danbii fi seera ofiisaanii qabu.
Haala jiruun wal qabatee kutaaleen bulchiinsaa lammiin biyyattii sagaleesaanii gama mana poostaatiin akka kennan jajjabeessan ni heddumaatu jedhamee eegama.
Haala amma jiruun Kaalifoorinyaa dabalatee kutaalee bulchiinsaa gurguddoo shan keessatti adeemsi sagalee kennuu gama poostaatiini.
Kutaaleen bulchiinsaa 25 ammoo sababa tokko malee fi fedhii ummataatiin qofa namoonni sagaleesaanii gama poostaatiin kennuu akka danda’an raggaasisaniiru.
Kutaaleen bulchiinsaa 15 ammoo lammiileen sagaleesaanii gama poostaatiin kennuu yoo barbaadan sababa dhiheessuu qabu.
Adeemsa amma jiruun kutaaleen bulchiinsaa 6 filannoo Sadaasaa guutumaan guututti sagaleesaanii gama mana poostaatiin kennuu kan barbaadaniidha.
Isaanis Yuutaa, Hiwaayi, Koloraadoo, Oriigan, Waashingitan akkasumas Kaalifoorniyaadha.
Kutaalee bulchiinsaa jahan kanneen keessatti buufanni filannoo qaamaan deemanii sagaleesaanii itti kennan hin jiru jechuu osoo hin taane kan jiran baay’ee muraasa.
Kutaaleen bulchiinsaa kunneenis waraqaa sagaleen itti kennamu namoota sagalee kennaniif teessoosaaniitiin kan erganiif yoo ta’u, guyyaa sagaleen kennamu sagaleesaanii gama mana poostaatiin akka kennaniif haala mijeessaniiru.
Namoonni sagaleesaanii gama poostaatiin kennuuf umuriinsaanii 65 ol yoo ta’e, rakkoo fayyaa yoo qabaatee, teessoo sagalee kennuuf itti galmaa’e sanitti sababa hojiitiin yoo jijjiirame yookiin kan biraatiin yoo ta’e sagaleesaanii gama poostaatiin kennuu danda’u.
Wanni nama ajaa’ibu sagaleen gama poostaatiin kennu hatamuu danda’a kan jedhan Doonaald Tiraamp, filannoo piraayimarii Filooridaa irratti sagaleesaanii gama poostaatiin kennuusaaniiti.
Pireezidaant Tiraamp asiin dura guyyaan filannoo akka dheeratuufillee yaada kaasanii turan.
Hogganaan mana poostaa US haaraa Liiwus Jee Jooy (deeggaraa Tiraamp akka ta’anitu himama) filannichi gama poostaatiin yoo ta’e, sagaleen miiliyoonotaan laakka’aman yeroodhaan gahuu dhabuu akka danda’an akeekkachiisaniiru.
Yaada kanas kan kaasan sababa isaan Doonaald Tiraamp deeggaraniif akka ta’e ibsuun Af-yaa’iin mana maree gad aanaa kan ta’an Neensii Poolisii yaada mana poostichaa haa baraarru jedhu miseensota mana marichaatiif dhiheessaniiru.