Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa Moqdishoo: Loltoonni Somaaliyaa hoteela Moqdishootti al-Shabaab cabsee seenuun qabate gadhiisisan
Magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqdishootti hoteela hidhattoota al-Shabaabiin qabame tokko loltonni humna addaa Somaaliyaa gadhiisisuun ibsame.
Hoteela Illiit jedhamu al-Shabaab cabsee seenuun dhuunfatee turetti yoo xiqqaate namoonni 17 ajjeefamuun, hidhattootni lakkoofsi isaanii hin baramnes ajjefamaniiru.
Hidhattoonni haleellaa lubbuu namoota galaafate qaqqabsisan kun hoteelicha fuulduratti boombii konkolaataarratti kiyyeeffame Dilbata kaleessaa dhoosuun, hoteelicha qabaachutti ce’an.
Hotelli Illiit jedhamu kan dhiyeenya kana miseensa paarlamaa biyyattii tokkoon kan ijaarame wayita ta’u, baayyinaan qondaaltota mootummaatu hoteelichatti dhimma baha.
Namoonni wayita balaan kun qaqqabu argan akka himanitti, battala dho’insi jalqabaa qaqqabetti namoonni naannicha turan jeeqamanii achii baqatan.
Humnoonni nageenyaas naannoo hoteelichaa daangessuudhaan, hidhattoota hoteelicha keessa seenan wajjin walitti dhukaasutti ce'an.
Hidhattoonni kun hoteelicha qabatanii sa’aatii afur booda dubbi himaan mootummaa biyyattii Muktaar Omar toora tiwitarasaaniirratti hidhattoonni hoteelicha qabatan hundi ajjeefamuufi hoteelicha ammoo to’annoo hidhattoota haleellaa banan sana jalaa baasne jedhanii barreessan.
Akka ibsa isaaniitti, namoonni 200 ol hoteelicha keessaa baraaramaniiru.
Haata’u malee, muddama sana keessatti hidhattoota hangamitu haleellaa kana keessatti hirmaate kan jedhu hin baramne.
Namoota haleellaa kanaan ajjeefaman keessa qondaalli ministeera beeksisaa biyyattii tokkoofi ministeera ittisaa tokko ajjeefamuun, namoonni hedduun mada’aaniiru.
Midiyaan dhuunfaa ‘Dhacdoone’ marsaariitiisaarratti akka barreesseetti, hoteelichi iddoo humnoota nageenyaatiin sirnaan eegamaa ture keessaa tokko ture.
Toora intarneetiirratti barreeffamni hidhattoota al-Shabaabirra ta’uu ibsu, loote seentotni al-Shabaab haleellaa badanii balleessuufi haleellaa hoteela qabeenyummaan isaa kan miseensa paarlaamaa mootummaa Somaaliyaarra qaqqabsiisuu ibse.
Waggoota kurnan darban hidhattootni al-Shabaan garee Alqaayidaatti hidhata qaban riphe-loltummaan haleellaa lubbuu namooota hedduu galaafate qaqqabsiisaa turaniiru.
Hidhattoonni kun loltoota mootummaafi Gamtaa Afrikaatiin magaalaa guddoo biyyattii Moqdishuu keessaa bafaamanillee, ammayyuu haleellaa boombiifi namoota magaalichatti ajjeesuu itti fufaniiru.
Ji’oota lamaan darban keessatti haleellaan hidhattoota kanaan magaalicha keessatti qaqqabu dabaleera.
Torban darbe dhukaasni miseensota hidhattoota al-Shabaabiifi humnoota nageenyaa giddutti mana hidhaa tokko keessatti baname lubbuu namoota 20 olii dabarsee ture.
Moqdishootti hidhattoonni kun meeshaalee waraanaa fudhatanii mana hidhaa eegumsa jabaa qabuu miliquuf yaalaa turaniiru.