Poolisiin Naayijeeriyaa nama waggaa sadiif maatiin manatti ugguran baraare

Namichi Naayijeeriyaa magaalaa Kaanootti waggaa sadiif gaaraajii maatii isaa keessatti itti cufamee ture poolisiin baraarame.

Ahiimad Amiinuun nama ganna 32 yoo poolisiin mana maatii isaa, keessatti uggurame cabsee banuun isa baraare.

Ollaan maatii kanaa dhaabbata miti-mootummaa Hiyuumaan Raayits Neetwoork jedhamutti beeksisuun poolisiin akka waamamu taasisan.

Namoonni kaan immoo mana cufaa keessa waggaa torbaaf ugguramee ture jedhu.

Viidiyoon miidiyaa hawaasummaa irratti qoodame Amiinuun deemuu dadhabee gargaarsaan yeroo hospitaala galu agarsiisa.

Qaamni nama kanaa huqqattee lafeen isaa kan mul'atu yoo tahu, foon jilbassaarra gogeetu jira.

‘’Amiinuu yoo argannu haala hamaa keessa ture. Bobbaa fincaan iddoo tokkotti bahaafi nyaata dhabee du’aa fi jireenya ture;’’ jedha hogganaan Humaan Raayits Neetwoork Haaruunaa Ayaagii BBCtti himeera.

Haati biddeenaafi abbaan bideenaa Amiinuu to’annoo jala ooluun qorannoon adeemsifamaa jira jedhe dubbii himaan poolisii Haaruunaa Kiyaawaa.

Maatiin mucaan isaanii araadaan qabameera jechuun nyaataafi gargaarsa fayyaa malee mana cufaa keessatti isa dhiisan.

Naayijeeriyaatti namni akkanatti manni itti cufamee yoo argamu kun yeroo lammaffaa dha.

Gaafa Roobii Kaaba-Lixa biyyattiitti daa’imni ganna 10 illee waggaa lamaaf uggurameetu argame.