Dirribii Damusee: "Xarabaadhaan miila na jalaa butan, maatii koo duratti kuffisanii na dhaanan"

Madda suuraa, Amansiisaa Ifaa
Pireezidaantiin Waldaa Maccaa Tuulamaa Obbo Dirribii Damusee humnootii mootummaan reebichi irratti raawwatamuusaa BBC'tti bilbilaan himan.
Haa ta'u malee Magaalaa Buraayyuu bakka Obbo Diribiin jiraataniitti hogganaan waajjira bulchiinsaa fi nageenyaa kan ta'an Obbo Dassaalenyi Siyyum dhimmicha quba akka hin qabneefi kun waan ta'u hindandeenye jechuun BBC'tti himan.
Obboo Dirriibiin garuu, "Ani bara Dargii bosona keessaa qawwee qabadheen hidhame, garuu nan reebne. Bara Ihaadig (ADWUI) yeroo shan qabamee hidhame. Kana hunda keessatti rukkutamee hin beeku."
"Ammaa garuu nama akaakkayyuu isaanii ta'u rukutu. Sanuu maatii koo duratti kuffisanii na dhaanan," jechuun himatu.
Kamisa Hagayya 06 bara 2020 halkan keessaa sa'aa 3:00 irratti humnootin nageenyaa mootummaa gara mana isaanii akka dhaqan kan himan Obbo Dirribiin, reebichi irratti raawwatamuu isaa fi manni isaanis sakkata'amuu isaa himan.
"Halkan sa'aa 3:00 irratti waraanni dhufee, balbala rukutanii banaa nun jedhan. Lakkii sa'aa kanatti hin bannu, isiin maali jennaan 'poolisiidha' nun jedhan. Poolisiin guyyaa dhufa malee halkan hin dhufu jennee cal jenne" jedhu Obbo Dirribiin.
Humnootin mootummaa hedduun, meeshaa waraanaa kan hidhatan fi gosoota uuffattaa garaagaraa kan uffatan ta'uu isaanis himu.
Poolisoota magaalaa Buraayyuu dhiyeenya isaaniitti argamanitti yeroo bilbilanis humnootin qe'ee isaanii marsan poolisoota federaalaa ta'uu isaanii itti himanii 'waliigalaa' akka jedhaniin Obbo Dirribiin ni dubbatu.
Obboo Dirribiin kana haa jedhan malee, hogganaan waajjira bulchiinsaa fi nageenyaa magaalattii Obbo Dassaalenyi garuu dhimma kana quba akka hinqabne dubbatan.
'Xarabaadhaan' miila na jalaa butan
Balballi isaanii reebaan kan turan boodas balballi waan cabeef humnootin kun gara qe'ee isaanii seenuu himu, obbo Dirribiin.
"Jilbeeffadhu nan jedhan, nan jilbeefadhe. Bakkuman jilbeefadhetti na sakatta'an. Sana boodas mana hunda bananii ilaalan" kan jedhan Obbo Dirribiin, sana booda gara alaa akka bahaniif ajajamuu isaanii dubbatu.
"Otoon ani karra hin gahiin inni tokko salgii qabee na darbate. Sana booddee yeroon balbalarra gahu bitaaf mirgaan 'xarabaadhaan' miila na jalaa butan," jechuunis haala ture ibsu.
Iddoo itti kufanii yeroo ol ka'anis irra deebiin reebamuu isaanii fi reebicha irratti qaqqabeen dugdi isaanii cimaa miidhamuu himan.
Sana boodas manatti ol deebi'uun mana isaanii sakkatta'uu fi mucaa obboleessa isaanii waggoota lamaa oliif isaan walin ture qabanii deemuu isaanii himan.
"Ani siyaasa kamiyyuu keessa hin jiru…"
Haala kanaafis akka sababaatti kan itti himamee 'Waraana balaa buusu dallaa keessatti galchiteerta. Isa qabuu barbaadna' naan jedhan" jechuun himan.
Dabalataan "waraanni hidhate dallaa keessan guutee akka jiru ollaa keessantu nutti hime' jedhamuu isaanis dubbatan.
Humnootin kunneen sakkata'iinsa taasisaniin mana isaaniitii hoomaa akka hin arganne fi bilbila harkaa isaanii fudhatanii deemuu himu.
"Abjudhumaanuu wanti akkasii ni dhufa jennee hin yaadnu. Ani siyaasa kamiyyuu keessa hin jiru. Waldaa Maccaa Tuulamaan hoggana. Mucaan na bira jirus sababa Koroonaan manaa gadi hin bahu. Kanaaf maalirraa akka dhufan naaf hin galle" jedhan.
Dhimmicharratti qaamni motummaa maal jedha?
Gochi kun kan isaan irratti raawwate mana jireenyaa isaanii magaalaa Buraayyuu jirutti ta'us, hogganaan waajjira bulchiinsaa fi nageenyaa magaalattii Obbo Dassaalenyi Siyyum dhimmicha quba hin qabu jedhaniiru.
Guyya guyyaan haala nageenya magaalattii akka qoratan kan himan aanga'aan kun gabaasni akkanaa akka isaan bira hin geenye himan.
"Humni nageenyaa odoo haala kanaan bobba'ee silaa nan dhagaha ture" kan jedhan Obbo Dassaalenyi "kuni waan ta'uu danda'u miti" jedhan.
Iyyatni akkanaa akka isaan bira hin geenye eeranii, yoo odeeffannichi dhugaa ta'e ni qoranna jedhan.
Poolisii Federaalaa irraa deebii argachuuf yaaliin taasifne nuuf hin milkoofne.
Waldaan Maccaa Tuulamaa Obbo Dirribii Damusee hogganan bara 2011 heeyyama argatee irra deebiin hundaa'ee hojiirra jira.













