SOmaaliyaa: Moqaadishuutti haleellaa buufata waraanaarra gaheen namooti ajjeefaman

Magaalaa gudditti Somaaliyaa Moqaadishuutti dhohiinsaa buufata waraanaatti uumameen yoo xiqqaate namootni saddeet du’anii 14 ammoo mada’uu anga’oonni waraanaa biyyattii ibsaniiru.

Namootni ijaan argine jedhan akka miidiyaa biyyattitti himanitti haleellichi konkolaataa wanti dhuka'u itti fe'ame gara mooraa sanaa seeeen raawwachuu duubbattu.

Gartuun Al- Shabaab haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhateera.

Raadiyoon Dalsan jedhamu akka jedhutti dhohiinsi kun maagalitti guutuutti ni dhaga’ama ture.

Gartuun hidhattoota Al-Shabaab yeroo hedduu humnoota nageenya eegsisaniifi hojjatoota mootummaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa boombii ni gaggeessa.

Jalqaba torban kanaatti eegdooti namni ergama bade baleessuu fudhatee socho'u tokko akka mana nyaataa hin galleef ittisan ajjeefamaniiru.

Koloneel Ahmeed Musee 'Associated Press'tti akka himanitti dhohiinsi kun kan uumame balbala buufata warana birgeedii Ebla12 jedhamu kan istaadiyeemii dhiyeenya baname Aanaa Warta-Nabaddaa keessa jirutti dhiyoo jira.

Istaadiyeemiin Waxabbajjii keessa baname kun hokkoraa waggootii booda biyyattii ijaaruu daadhannoo jedhuuf akka mallaattootti ilaalama.

Haati ijoollee sadii naannicha jiraattu Haliimaa Abdisala, akka Reuters'tti himtetti dhohiinsicha booda loltoonni dhukaasa bananiiru. 'Sodaan gara mana keessaatti fiigne," jetti