Mohaammad Biin Salmaan: Ilmi mootii Saawudii Kaanaadaa keessatti nama ajjeesuuf karoorfachuun himataman

Madda suuraa, Getty Images
Ilmi mootii Saawudii Mohaammad Biin Salmaan ergamtoota isaa gara Kaanaadaatti erguun, qondaaltoota waajira tikaa duraanii Saawudii ajjeechisuiisuuf yaalaniiru jedhamuun himataman.
Kaayyoo amma fashalaa'e kanaaniis Saad Al-Jaabiiruun ajjeessuuf ture jedhameera.
Ergamtoonni ajjeechaa kana raawwachuuf turanis gara Kaanaadaa kan imalan ajjeechaa gaazeexessaa Kamaal Kaashoogjiitiin booda akka ture manni murtii Ameerikaa tokko dubbateera.
Anga'aa waajjira tika Saawudii duraanii kan turan Jaabiriin biyyaa baqachuun gara Kaanaadaa kan imalan waggoota sadiin dura ture.
Aanga'aan kunis Kaanaadaa Toroontoo keessatti mana jireenyaa eegumsii cimaan taasifamuu keessa jiraataa jiru.
Manni murtichaa akka jedheettis karoorri ajjeechaa osoo hinmilkaa'iin kan hafe, waan eegdoonni daangaa Kaanaadaa ergamtoonni ajjeechaa keeyyeefatan kunneen buufata qubannaa xiyyaaraa Torontoo Piirisan darbanii deemuuf osoo jedhanuu shakkiidhaan deebiisuu isaaniitiin jedhameera.
Gaheessi umuriinsaa kan waggaa 61 ta'e Mr Jaabiriin waggoota dheeraaf dhaabbata basaasaa Biriteen MI6 waliin hojjataa kan turan. Akkasumas eejansiiwwan basaasaa biyyoota lixaa kan biraa waliinis Saawudii keesstti hojjataa turan.
Himmannichi maal jedhaa?
Himannaan fuula 106 manni murtii Ameerikaa Waashingitan DC'tti argamuun dhiyaate akka jedhutti, ilmi mootiichaa Jaabiriin ajjeesisuu kan barbaadeef sagalee isaa balleessuuf kaayyeeffateeti jechuun himateera.
Ajjeechaan fashalaa'e jedhame kun Mr Jabriiniif kan karoorfamee 'icciitii olaanaa'' waan qabateef jechuun hima.
Himannichi akka ibsuutti, iccitiiwwan al-Jaabiriin qabatanii jiran keessaa tokko malaamaltummaa aanga'ootaafi ragaa ergamtoota garee ajjeechaa rawwataniif 'Tiger Squad' jedhamuun beekaman akka argamu himame.
Miseensoonni garee 'Tiger Squad' bara 2018tti Qonsilaa Saawudii kan biyya Tarkiitti argamu keessatti kanneen ajjeechaa gaazexessaa Jamaal Kaashoogjii qindeessaniidha.
Himannichi akka jedhuuttis, Mr Jaabrii fuula lafaa irraa balleessuu kan barbaadameef, waan inni icciitiiwwan qondaaltoota biyyattii hedduu beekuufiidha.
Haa ta'u malee Saad al-Jaabirii osoo dureen biyyattii jijjirraa aangoo bara 2017tti karoorfatanii turan hojiirra hinoolchiin dura, karaa Tarkiitiin godhanii gara Kaanaadaatti baqatan.
Mr Jaabiirii ''dureen biyyattii yeroo garaa garaatti akkan gara Saawudiitti deebi'uuf yaalii taasiseera. Kan biraa hafee si argachuu qabna jechuun illeen ergaa barreeffamaa naaf ergee jira,'' jedhan.
Himannaan mana murtiitti dhiyaate akka mullisuutti, namni qaama gaazexessaa Jamaal Kaashogjii kukkutuun shakkamee tureetu, meeshaalee qorannoof ta'u boorsaawwan lamatti qabachuun Kaanaadaa seenuuf yaalee ture.
Haa ta'u malee eegdoonni daangaa Kaanaadaa garee miseensootaa irratti waan shakkiin itti dhagahameef akka hinseenneef dhorkaniiru jedha himannichi.
Mootummaan Saawudiis waa'ee himannichaa irratti hanga ammaatti wanti jedhee hinjiru.

Madda suuraa, BANDAR AL-GALOUD
Ittigaafatamaa nageenya ummataa Kaanaadaa Biil Bileeyiir dhimmicha irratti yaada kennuu hindanda'u, garuu ammoo mootummaan namoota Kaanaadaa keessatti dahatanii jiran tokko tokko irratti dhiibbaa taasisaa akka jiru nan beeka jedhan.
Saad al-Jabriin eenyu?
Saad al-Jabrii waggoota dheeraa nama amanamaa duree Saawudii turan. Al-Qaa'idaan gara Saawudiitti akka hinseenneef ittisuun baayyee leellifama.
Kana malees walitti dhufeenya Saawudiin biyyoota akka US, Kaanaadaa, Awustiraaliyaa, Yunaayitid Kingdam fi Niiw Ziilaandii waliin qabduu ogganuun ni beekamu.
Al-Jaabriin baayyee callisuun beekamu, Yunvarsitii Edambiiraa irraa gosa barnootaa 'artificial intelligence' doktarummaan kan eebbifaman yoo ta'u, ogeessa tikaa beekamaadhas.
Kana malees sadarkaalee aangoo ministirummaa fi dhimma biyya keessattiin sadarkaa Meejar janaraalummaa irra nama qaqqabanii turaniidha.
Haa ta'u malee bara 2015tti Motii Abdullaahiin du'anii obboleessi isaanii Salmaan aangootti erga dhufanii booda ilmiisaanii Biin Saalmaan ministira Ittisaa gochuun mudan.
Ergasiin boodas haalli hedduun biyyattii keessatti geeddarame.

















