Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
UAE'n buufata niwukileeraa biyyoota Arabaaf kan jalqabaa ta'e hojii eegalchiifte
Gamtaan Emireetota Arabaa (UAE) buufata niwukileeraa biyyoota Arabaaf kan jalqabaa ta'e qarqara daangaa biyyattii gama Baha Qaataaritti ijaarte hojii eegalchiifte.
Buufata teekinoolojii Kooriyaa Kibbaa fayyadamu kana keessatti 'ri'aaktaroonni' afur niiwukileera gabbisuu eegalaniiru.
Buufatichi hojii akka eegalu kan yaadamee ture bara 2017 yoo ta'u sababaoota nageenyaan wal qabatan adda addaaf ture.
Qabeenya boba'aan kan badhaate UAE'n, fedhii aannisaa qabdu nuusa maddeen aannisaa haaromfamaniirraa argachuuf yaaddi.
Torbee lama dura ammoo qorannoo Maarsii irratti gaggeessuuf rokeetii furguggisiiftee turte.
Biyyattiin annisaa aduurraa argamu soolaarii irrattis mallaqa hedduun hojjetaa jirti.
Buufata niwukileeraa Barakaa - kan hiikaan isaa afaan Arabaan 'eebba' jechuu ta'e gaaffii hedduu kaasaa jira.
Soolaariin madda aannisaa gatii xiqqaa fi caalaatti qulqulluu ta'ee osoo jiruu buufata niwukileeraa ijaarun maaliif akka barbaachise ifa miti jedhu ogeeyyiin.
Qaataar bara darabe buufatni niwukileeraa kun "nageenya naannichaaf yaaddoodha" jettee turte. Qaataar UAE fi Sa'uudii Arabiyaa waliin michooma hin qabdu.
Ollaa kan taateefi harriiroo gaarii kan UAE waliin hin qabne Iraan niwukileera gabbisaa jiraachuun Ameerikaafi biyyoota Awurooppaaf yaaddoo ta'uu itti fufeera.
Naannichatti biyyi biraa niwukileera gabbisuu eegaluun nageenya naannoo saniif yaaddoodha jedhu xiinxaltoonni.
Dabalataan yoo sirnaan hin hojjetamu ta'e faalama uumuu akka danda'us yaaddoon jira.
Hoggantoonni UAE biyyattiin gama qorannoo saayinsawaan milkaa'aa jirti jechuun buufatichi hojii eegaluu leellisaniiru.
Buufata kana kan ijaare Korporeeshinii Anniisaa Niwukileeraa Emireets fi Korporeeshinii Humna Ibsaa Kooriyaati.
EEjansiin Annisaa Atomawaa Idil Addunyaa - kan sochii gabbisa nieukileeraa addunyaa to'atu biyyattiin buufata niwukileeraa isa jalqabaa hojii eegalsiisuu jajeera.
Sagantaa gabbisa niwukileeraa kana jalqabarraa kaasee deeggaraa akka ture himuun, omishaa fi daldala annisaa qulqulluu keessatti boqonnaa haaraadha jedhe.