Ministirri Muummee Somaaliyaa erga aangoo kaafamanii booda biyyattiitti intarneetiin adda cite

Ministira Muummee Somaaliyaa aangoorraa kaafaman

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Muummee Somaaliyaa aangoorraa kaafaman

Ministirri Muummee Somaaliyaa Ali Kaahire sambata darbe kana miseensonni mana maree biyyatti harki caalaan sagalee deeggarsaa dhorkachuun aangoorraa kaasan.

Miseensota mana maree 178 keessaa 170 aangoorraa akka kaafaman sagalee kennaniiru.

Ali Kaahireen yeroo filannoon pirezidaantummaa marsaan itti aanuu gaggeeffamuu qaburratti pirezidantii biyyattii Mohaammad Abdullaahi wajjin wal hin galle ture.

Ministirri Muummee aangoorraa kaafaman filannoon pirezedantummaa Gurraandhala bara 2021 filatamuu qaba jedhu.

Pirezidantichimmoo yoo namni tokko sagalee tokko kennuu danda'e qofa kan filatamuu qabu jedhanii morman.

Haala amma biyyattiin keessa jiruun, gosatu miseensota paarlaamaa biyyatti pirezedantii filachuu danda’an dhiyeeffata/filata.

Sirna kana jijjiruun yeroo gabaabduu kaa’ame keessatti raawwachuun kan rakkisuu fi maallaqa akkasuma, namoota sagalee kennaan yeroo gabaabaatti galmeessuu gaafata ture.

Miseensonni mana maree biyyatti Ministira Muummee sagalee dhabsiisanii aangoorraa mulquun biyyatti keessa fi alatti balaaleffatameera.

Amma ministirri muummee biraa muudamanitti, MM itti aanaa Mahaadii Mohaammad Guliid yeroof akka hooggannan Pirezidant Mohaammad Abdullaahi gaafataniiru.

Itti gaafatamaan imaammata dantaa alaa Gamtaa Awurooppaa Joosef Boorrel, tarkaanfiin Alii Kaarihe aangoorraa mulqu kun ’bu’uura heeraa Somaaliyaa kabajaa dhorkachuudha’ jedhanii ibsan.

Ministirri dhimma biyya keeessa Somaaliyaa immoo ‘guyyaa dukkanaati’ jechuun ibsan.

Gartuun bilisummaa intarneetii to’atu NetBlocks akka ibsetti yoo ta’e, tajaajilli intarneetii harka caalaa kutaalee biyyattirraa citeera.

Intarneetiin addaan cituun isaa dhimmuma biyya keessaan akka walqabatus ibsa dhaabbanni kuni.