Xiyyaara Boeing 737 Max balaliitti deebisuuf yaaliin eegaluufi

Booyiing 737 Max

Madda suuraa, Boeing

Ibsa waa'ee suuraa, Booying galii isaa harka walakkaa xiyyaara 737 Max irraa argata

Xiyyaarri Boeing 737 Max qilleensatti deebi’uu qabaachuufi dhiisuu murteessuuf yaaliin nageenyaa torban kana eegaluuf jira.

Balaliistonnifi oggeessonni teeknikaa dhabatichaarraa ta’aniifi to’attootarra ta’an Wiixataa eegalee guyyooti sadiif yaaliifi qorannoo ni gaggeessu jedhamee eegama.

Xiyyaarri Boeing gabaarratti beekamaa ture kun bara darbeetti erga balaan xiyyaaraa lubbuu namoota 346 galaafatee booda hojii dhaabeera.

Yaaliin amma taasifamu Boeing’f barbaachisaa ta'us, yaaliin kun bu’aa gaariin xumuramullee qorannoowwan nageenyaa dabalataa ji’oottaniif gaggeefamuu qabu.

Ji’oottan 15 dura to’attoonni geejjiba qilleensaa xiyyaarri 737 Max balalii akka dhaabuuf kan murteessan erga garaagarummaa ji’a shaniin balaliiwwaan Lion Air fi Itoophiyaarraa balaan ga’ee booda.

Murtee kanaan rakkoon dinaagdee dhaabbata ganna 103 ture kanarra kan ga’ee yoo ta’u, maatii miidhamtootaa irraas himmanaan seeraa irratti banameera.

Qorattoonni balaa kanaaf sababa kan ta’e rakkoo teekniikaa to’annoo balalii ta’uu beeksisaniiru.

xiyyaara

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, xiyyaara

Xiyyaarri 737 meeshalee qorannoo fe’atee naannoo buufata omishaa Boeing, Siyaatilitti maloota balalii adda adda qilleensaratti agarsiisa.

Akka Reuters’tti balaliistonni qorannoo kanaaf akka ta’uuf jecha beekaa balalii sooftiweerii MCAS jedhamu kan balaa lamaaniif itti gaafatame kakaasuuf ni yaalu.

Dhabbati FAA ergaa imeelii kongiresii US’tti Dilbata ergeen xiyyarri 737 Max balalii yalii qorannoof ta’u eyyamuu isaafi taajilatti deebi’uu isaarraatti garuu qorannoowaan dabalataa waan barbaachisaniif akka hin murteessine ibsuu isaa Reuters gabaaseera.

Kanaratti Boeing’s ta’e FAA’n BBCf yaada hin kennine.