Manni Murtii US ejjennoo Tiraamp godaantotarratti qaban kuffise

Donaaldi Tiraampi mooraa Waayit Haawus keessatti

Madda suuraa, AFP

Manni Murtii Walii-galaa Ameerikaa ejjennoo pirezidaanti Doonaald Tiraamp godaantotarratti irratti qaban kuffisuun murtii dabarse.

Pirezidaant Tiraamp godaantonni ijoollee ta'an kumaatamaan lakkaa'aman Ameerikaadhaa akka baafaman ejjennoo jedhurratti cichaa turan.

Sagantaan daa'imman baqaan gara US akka seenaniin jiraachuuf mirga qabu jedhu, kan maqaa 'Deferred Action for Childhood Arrivals (Daca)' jedhuun bara bulchiinsa Pirezidaantii biyyattii duraanii Baaraak Obaamaa eegale kun, bara 2017 irraa eegalee Doonaald Tiraampiin mormamaa jira.

Imaammati godaantotaa bara Obaamaa ba'e kun baqattoota ragaa jireenyaa hin qabneef golgaa seeraa kennee mirgasaanii eegaafii ture.

Sagantaa kana keessatti godaantonni, kanneen mul'ata qaban ''Dreamers'' jedhamuun hubatamu.

Bulchiinsi Tiraamp bara 2017 irraa eegalee sagantaa kana dura dhaabbatus garuu maaliif akka mormu sababa ga'aa waan hin dhiyeessineef manni murtii kuffisuusaa ibseera.

Dhimma kanarratti ibsa wal-dhahaa fi ejjennoo ifaa hin qabne kan Waayit Haawus kennes qeeqeera manni murtii.

Pirezidaanti Tiraamp sagantaa kanatti gufuu ta'uurraa hin adabatan taanaan daa'imman ragaa jireenyaa malee gara US seenan 700,000tti tilmaamantu miidhamu.

Namoota hiriirarra jiran

Madda suuraa, EPA

Imaammati godaantotaa bara Baraak Obaamaa ba'e adda durummaan kan ilaallatu godaantota Meeksikoo fi Laatiin Ameerikaarraa gara US seenaniidha.

Pirezidaanti Tiraamp ammoo godaantota ofirraa ittisuuf daangaa Meeksikoo cufaa jechaa turan.

Sagantaan godaantota ijoollee ta'anii fi raga tokko malee gara US seenan gargaaruuf bara 212 eegalame kun godaantonni akka hojjetanii fi barataniif iyyama kennaaf.