Bulchaan Teksaas ajaja Doonaaldi Tiraampiin baqattota haaraa akka hin fudhanne beeksifte

Madda suuraa, Getty Images
Bulchaan Rippaablikaanotaa Teksaas Gireeg Aboot sagantaa deebisanii qubachiisuu Ameerikaadhaan kana booda baqattoota haaraa hin simannu jedhan.
Murtoo kana fudhachuu isheen Teksaas kutaa bulchiinsaa jalqabaa ta'uu isheeti.
Bara darbe Tiraampi kutaaleen bulchiinsaa yoo barbaadan sagantaa deebisanii qubachiisuu kanaan baqattoota fudhachuu dhiisuu akka danda'an kan isaaniif eeyyamu, aangoo isaanii fayyadamuun mallatteessaniiru.
Jimaata kaleessaa bulchaan Teksaas nuyi baqattoota deeggaruuf gahee keenya bahanneerra jedhan.
Dhaabbileen baqattoota deeggaran garuu murtoo kanatti akka gaddan ibsaniiru.
Teksaas baqattoota hedduu keessumeessaa turte. Bara 2018 keessa qofa baqattoota 1697 simatteetti. Kun kutaa bulchiinsaa kaan irraa isa ol'aanaa tahus kan waggaa sana dura ture 4,768 irraa immoo isa xiqqaadha.
Kanaaf Teksaas ammaaf godaantota, baqattootaa fi namoota mana hin qabne as jiran irratti xiyyeeffattee akka hojjettu himuun, baqattootni kutaa bulchiinsa kaan jiran garuu yoo barbaadan dhufuu danda'u jetteeti.
Tiraampi lakkoofsa baqattotaa fi godaantota US galanii xiqqeessuu irratti xiyyeeffachuun hojjetaa turan.
Bara xumurame kanatti US baqattoota 30,000 tahan deebistee biyyashee keessa qubachiisteetti.















