‘Manni keenya halkan tokkotti hospitaalatti jijjiirame

Madda suuraa, MUKUL GARG
Mukuul Gaarg Ebla 24 eessummisaa umuriin ganna 57 dhukkubsatee ho’ii qaamaasaa daballaan baayyee akka yaadda'an dubbata. Guyyaa lama booda miseensoota maatiisaa 17 keessa namootni lama biroonis dhukkubsatan.
Jalqabaratti Mukuul Gaarg koronaavaayirasiidha jedhe amanuu waan hin feeneef, uttaalloodha jechuun bira tare.
“Mana keessatti namootni shan jaha ta’anii dhukkubsatanii beeku, na’uu hin qabnu,” jechuun ofitti hime.
Guyyoota itti aanan keessatti namootni mana sanaa shan biroon mallattoo Covid-19 agarsiisuu yeroo eegalaan, naasuun isaa dabalaa adeeme.
Sana booda maatii isaani 17 keessa 11 koronaavaayirasii akka qaban barame.
“Nama bakkee waliin wal hin agarree, namni haraan bakkeerra mana keenya seenes hin turre. Ta’us garuu Koronaavaayirasiin mana keenya seene maatii keenya tokko tokkon hubuu eegale,” jechuun Gaarg barreesseera.
Qajeelfamni sochii ugguruu biyyattii, namootni manaa akka hin baanee godhu Bitootessa 25 eegale hanga torban darbanitti ture.
Indiyaa keessatti garuu manneen maatii jiran keessa %40 kan ta’an maatii dhaloota adda addatu waliin jiraata.
Kun immoo vaayirasichaaf nama saaxila, sababiinsaa qorannoon akka agarsiisutti vaayirasichi mana keessatti caalatti daddarba.
“Maatiin hundi bakka tokkotti yeroo walitti qabamu namni tokko qabamnaan, warra kaaniif kan hin oolle ta’a,” jedha ogeessi qorannoo vaayirasii Dr Jaakoob Joon.
Akka maatiin Gaarg hubatanittis, maatiin guddaan yeroo sochiin uggurametti mana tokko keessa turanii gorsa walirraa fagaachuu jedhu hojiirra olchuun hin danda’amu.
‘Qofummaan nutti dhaga’ame’
Maatiin Gaarg mana darbii sadii safara walitti sissiqaa kaaba-lixa Delhii keessa jiraatu.
Gaaarg, nama ganna 33, hadhawarraasaa ganna 30 fi ijoolleen isaanii lamaan ganna jahaafi lamaa darbii sadaffaarra jiraatu.
Darbii hafan lamaan keessa ammoo essummmansaafi maatii isaaniitu jiraata. Maatii isaanii keessa da’imaa ganna afurii kaasee hanga akaakkayyuu isaa ganna 90 siree irraa ka’uu hin dandeenyetu jira.
Manneen biroo hedduu dhiphoo kan ta’an ta’us mannii maatii Gaarg bal’aa ture. Ta’us vaayirasichi ariitiin tatamsa’uun ga’eessoota manasanaa harka caalan hubeera.
Maatiisaanii keessa kan jalqaba dhukkubsate eessuma Gaargidha. Maatiin garuu ammayyuu vaayirasichi akkamiin akka isa qabate hin beekan.
“Lafa gabaattii ykn namoota kuduraa naanneessan irraa ta’a jennee yaadna, sababiinsaa wantoota kanaaf malee namni manaa ba’ee beeku hin jiru,” jedha.
Garuu vaayirasichi tatamsa’aa akka deemeen sodaafi qaniirraan kan ka’e qorannoo gaggeessurraa of qusatani.
“Nuti 17 taanuus, qofummaan garuu nutti dhaga’ame.
Utuu nuti waa taanee sababa koronaavayirasiin logii jirurraan ka’e namni awwaalcha keenyalle dhufu jiraa?”
Garuu jalqaba Caamsaa keessa yeroo adaadaansaa ganna 54 hargaanuuf rakkattutti maatiin gara hospitaalaatti ishee geessan. Sana booda hundi isaanii qoratamuu akka qabnu hubachuu isaanii Gaarg ni hima.
‘Baatii dhukkubaa’
Baatiin Caamsaa guutuu vaayirasichaa wal’aanuun darbe.
Gaarg sa’aatii dheeraa doktarootaa waliin bilbilaan haasa’uun akka dabarse hima.
“Mallaatoo isaan qaban irratti hundaa’uun bakka maatii keenya geggedarra turre. Kanaaf, namootni ho’ina qaamaa guddaa qaban lama kutaa tokko keessa hin bulan.
Namoota hubaman 11 keessaa 6 durumaan dhibee sukkaaraa, onneefi dhibbaa dhigaa waan qabaniif isaan caalatti saaxilamoo turan.
“Halkan tokkotti, hundi keenya dabareen akka narsiitti tajaajilaa manni keenya wiirtuu wal’aansa Covid-19 ta’e,” jedha Gaarg.
Gaarg mudannoo maatiisaa kana qooduuf kan filate namoota gargaarsa gaafachuuf soodatan jajjabeessuf akka ta’e hima.
“Jalqabaratti, namni maal jedha isa jedhu yaddofna turre. Boodarra deebii namootaa, rakkoo hin qabu vaayirasichaan qabamuun wanta nama qaanessu miti jedhu arguun gaaridha.”
Torban lammataa Caamsaa keessa, mallattoon dhukkubichaa badaa deemee maatiinis jala jalaan vaayirasicharraa bilisaa ta’aa dhufuun isaanii tasgabbii uume. Adaadaan Gaargis vaayirasicharraa bayyannattee hospitaalaa baate.
Haalli hamaan kun akka dhumetti itti dhaga’ame.
Dhuma Caamsaa keessa isa dabalatee nama sadii qofatu vaayirasicha qaba ture.
Waxabajjii 1 irratti marsaa sadaffaaf qoratamanii vaayirasicharra bilisa ta’an.
“Akka maatiitti, akka batii jalqabaa yeroo sochii ugguraatti yeroo ammanaa waliin dabarasinee hin beeknu. Yeroo gammachuu maatii keenyaa ture, duraa dubaan yeroo maatiin dhukkubsaachaa deemutti cimaa dhufe malee jedha.
“Yeroo gariifi hamaa waliitti wal agarree ta’us kun waliin akka jabaannu nu godheera,” jedha.
“Deebinee akka hin qabamneef of eeggannoo gochaa jirra, ta’us ammaaf garuu vaayirasii kana mo’annee darbuu keenyaa gammachuu guddaa keessa jirra.”














