Ajjeechaa Joorji Filooyid: Magaalotni US hokkora ka'e tasgabbeessuuf uggura sochii sa'aatii murteessan

Madda suuraa, getty Images
Sababa du’a Joorji Filooyidin waldhabdee mormitootafi poolisii gidduutti uumame hir’isuuf jecha, magaaloti US qajeelfama sa’aatii sochii ugguru ajajaniiru.
Magaalota hedduu keessatti hiriira mormii gaggeeffaman irratti waldhabdee uumameen mormitooti konkolaattota poolisii erga gubanii booda poolisooti aara imimmaaneessu fi rasaasaa gommaa fayyadamaniiru.
Pireezdaant Donaald Tiraamp hokkora uumame kanaaf “saamtootafi namoota olaantumma seera hinkabajne” himateera.
Joorjii Filooyid, gurraacha Ameerikaa ganna 46, Wiixata Miiniyaapolisitti to’annoo poolisii jala osoo jiruu lubbuun isaa darbe.
Hojii poolisummaa irra ka ari’ame Deerik Chawuvin, adii ganna 44, ajjeechaa isaan himatamee Wiixata mana murtiitti dhiyaata.
Viidiyoo midiyaa hawasummaa irratti bal’inaan qoodameen, daqiiqaa dheeraaf utuu Joorji hafuura baafachuu hin danda’u jechuun irra deddebi’ee himuu, Deerik morma isaarra jilbeeffattee yeroo turu ni mul’ata.
Poolisooti biroo sadii yeroo sanatti achi turanis hojii irraa ari’amaniiru.
Hiriirri mormii guddaa yoo xiqqaate magaaloota Ameerikaa 30 keessatti gaggeeffameera.
Chikaagootti mormiitootti hedduu poolisootatti dhakaa kan darbatan yoo ta’u, poolisootni immoo aara nama boochisuu dhuukaasuun deebisaniiru. Sanbatarra namootni hedduu to’annoo jala oolaniiru.
Guyyaa lama walitti aansuun, namootni hedduminaan Waashingitan DCtti , Waayit Haawus duratti walitti qabamaniiru.
Namootni kumaatamaan lakka’aman moormii isaani agarsiisuuf daandiiwwan, Atlaantaa, Meniyaappolis, Niiw Yoork, Maayamii, fi Filaadaalfiyaatti ba’aniiru.
Qajeelfamni halkaniin akka hin sochoone ugguru Miniyaappolisi, Atlaantaa, Loos Anjeliis, Filaadaalfiyaa, Poortilaan, Luwuusviilifi magaalota birootti ajajameera.
Ta’us mormitoonni magaalota hedduutti qajeelfama kana kabajaa hin jirani, saamichi hedduunis gaggeeffamaa tureera.
Hokkora kana maaltu kaase?

Madda suuraa, Darnella Frazier
Taateen guyyaa Wiixataa poolisii adii tokkoon Miiniyaapoolisiitti raawwatame kan namni arge tokko waraabee viidiyoon daqiiqaa 10 akka mulliseetti, poolisichi akka miilasaa morma shakkamaa irraa kaasuu osoo gaafatamuu agarsiisa.
Namtichi ajjeefamees ''maaloo afuura baafachuu hindandeenyee, na hin ajjeesiin,'' jechuun irra deddebbiin kadhataa akka turees mul'iseera.
Namni ijaan arge kan biraa ammoo, ''Maaloo funyaansaa dhiigaa jira,'' jechuun poolisiicha kadhata ture.
Poolisichii garuu deebii tokkollee hinkennine. Poolisiin gara biraa ammoo warraabbiin kun akka hinraawwatamneef wayita dhorkuuf yaalu mullata.
Namni taatee sana ijaan arge kan biraa ammoo viidiyicha irratti ''Amma waan ajjeeste sitti fakkaata. Garuu gochi kee kunis bara jireenyaa kee guutuutti si hordofa,'' wayita jedhuun dhagahama.

Madda suuraa, Twitter/Ruth Richardson
Isaan boodas shakkamaan sochii dhaabuun ofi wallaala. Ambulaansinis dhufee fudhatee sokke. Tarii namni kun wayita sanatti du'uu isaatii kan shakkan.
Poolisiin garuu erga hospitaala gaheen booda du'uu hima.















