Joorji Filooyiid: Mormitoonni buufata poolisii Miniisotaa guban

Madda suuraa, EPA
Buufata poolisii Miniiyaappooliisitti ibiddi qabate. Mormii guyyaa sadaffaa ajjeechaa nama gurraachaan booda ibiddi itti qabsiifame.
Poolisiin morma namticha ganna 46 Joorj Filooyiid jedhamurraa jilbeeffatee otoo dhaanuu suuraan isaa waraabame. Joorji ''hafuura baafachuu hin dandeenye,'' jedhe wixxisaa ture.
Pirezidaant Tiraamp 'saamtonni' yaadannoo isaa kabaja dhabsiisani jechuun humni eegumsaa biyyattii nageenya akka eegsisan ajajaniiru.
Gaazexeessaan CNN qabamuu
Gaazexeessaa CNN mormii Miniiyaappooliis kallattiin otoo dabarsuu poolisiin qabame.
Gaazexeessaan CNN fi miseesonni garee isaa mormii du'a Joorji Filooyidiin booda Mineesotaa, Miniiyaappoolisitti ka'e tamsaasa kallattii teleevizyiniin dabarsuu deeman poolisiin to'annoo jala oolcheera.
Magaalaa Miniiyaappooliis keeessa guyyoota sadiif waliitti fufiinsaan mormiin bahamu itti fufee jira.
Wiixata darbe namichi gurraachi hidhannoo hin qabne poolisiin ajjeefamuun dubbii ijoo addunyaa tibbanaati.
Humni nageenyaa Miniiyaappooliis ''miseensota miidiyaa tahuu isaanii erga mirkaneessineen booda gadhiisneerra,'' jedheera.
CNN immoo hojjettoonni koo otuma televiziniin isaan arginu of beeksisanii turan jedheetu morma.
Gochi Miniisootaatti raawwate ajjeechaa gurraachota irra gahuun dheekkamsi akka ka'u taasiseera.

Madda suuraa, Getty Images
Gochi Miniisootaatti raawwate ajjeechaa gurraachota irra gahuun dheekkamsi akka ka'u taasiseera.
Maatiin Joorj poolisonni ajjeechaa isaarratti hirmaatan adabbii du'aa akka argatan gaafataniiru.
Magaalawwan Ameerikaa Niiw Yoork, Loos Enjiils,Chikaagoo,Deenvar,Fiiyooniks fi Meefiis keessatti mormiin adeemsifamaa ture.
Dhaabbatni Tiwiitar immoo Tiraamp''saamichi yoo jalqabu,dhukaasni eegale,'' isa barreessan hokkora leellise jechuun himateera.

Madda suuraa, Getty Images
Miniiyaappoolisitti maaltu tahaa jira?
Kamisa darbe mormitoonni buufata poolisii 3ffaa, iddoo hokkorri babal'ate kanatti walitti qabamanii turan.
Poolisoonni mormitoota walitti qabaman bittinsuuf jecha gaasii imimmaansitu gadhiisaa fi dhukaasa banaa turan.
Mormitoonni danqaraa naannoo buufata poolisii jiru erga cabsaniin booda buufatichaafi gamoowwan lama ibidda itti qabsiisaniiru. Nannoon kun iddoo Filooyiid itti ajjeefamedha.
Kantiibaan magaalaa Miniiyaappooliis Jaakoob Fireey hojjettoota buufaticha keessa jiran akka ba'an gochuun alatti filannoo hin qabnu ture jedhaniiru. ''Gamoon lubbuu namaarra hin caalu,'' jedheera.
''Hokkorri akkasii fudhatama qabaachuu baatus,aariifi miidhamni guddaan akka jiru garuu nan hubadha,'' jedheera.
Kana kan dubbate erga Tiraamp hokkorri kan dhalate''hanqinni hoggantummaa Miniiyaappooliis keessa waan jiruufi,'' jedhaniin booda dha.
''Isa kantibichi nagaa eegsisuuf raawwachuu dadhabe ani nan sirreessas'' jedhan.
Dhaabbatni Tiwiitar immoo akeekkachiisa fedhii uummataa eegsisuu,waan Tiraamp barreessan irratti maxxanseera. Imaammata keenya hokkora leellisuu dhorku cabseera jechuun isaan himateera.
Seenaa mormii fi hokkoraa bara 1968 Miyaamiitti dhalateen humnooti federaalaa biyyattii gaaleewwan kan akka 'saamtota' jedhu fayyadamuun dheekkamsaa fi hokkora kaasee ture.















