Koronaavaayirasii fi Jaalala: Biyya jaalalleewwan sababa Covid-19'n adda ba’aniif daangaa bante

poolisii

Madda suuraa, reuters

Sababa koronaavaayirasiin qajeelfama sochii ugguruu ba’een jalalleewwan adda ba’aniif Deenmaark daangaa bantee jirti.

Wiixatarraa eegalee jalalleewwan biyya ollaa walii kan akka Jarmanii ykn biyyooti Nordic jiraatan amma Deenmaarkiin dawwachuu danda’u.

Seerichi ammatti namootni kun jallalleewwaan ta’uu isaanii imeelii, ergaa barreeffamaafi suraaleen akka mirkaneessan gaafata.

Ministirri haqaa garuu seerri kun guyyooti dhufan keessatti akka laaffisamuufi wanta barbaachisu xalayaa namoota lamaaniin mallattaa’e qofa akka ta’u himaniiru.

“Jallaalleekoodha yoo jette xalayichaa mallatteesi, nuti si ammana,” jechuun Ministeerri Haqaa Niik Hakkerup midiyaa TC2’tti himaniiru.

Biyyootii Awurrooppa hedduu akka weerarichi hir’isaa deemeen daangaalee biyyootii jidduu jiru deebisanii banuuf yaadaa jiru.

Seeroti kun maali?

Ammatti, anga’onni namootni maqaa, bakka jireenyaafi odeeffannoo jaallallee isaanii Deenmaark jiraatanii akkasumas, suuraa, raga bilbilaafi odeeffannoo barreeffamaa waliin qaban jallallewwan ta’uu isaanii mirkaneessuuf kennu qabu jedhu.

Jiraattonni Fiinlaad, Ayislaand, Jarmanii, Noorwaay fi Iswiidin jalalleen isaanii kan Deenmaark keessa jiratan ta’e seerri kun ni hojjataafi.

Dabalataanis seerri kun kan hojiirra oolu namoota yoo xiqqaatee ji’oota ja’aaf jallaalee ta’anii turaniifi kan intarneeta ykn bilbilaan qofan osoo hin taane kan fuula fuulatti hariiroo qabaniif akka ta’e poolisiin ibseera.

Paartileen mormituu garuu seeraa kana mootummaan irra deebi’ee ilaaluu akka qaba jechuun qeeqaniiru.

Seerri kun dabalataan jiraataan Jarmanii ykn biyyootii Nordik Deenmaark keessaa mana qaban kamuu biyyitti seenu danda’u jedha.

Seerri kun jalalleewwaniin akkamiin ilaalama?

Seerri haaraa kun jalalleewwan adda jiraataa jiran kumaatamaan lakka’amaniif oduu gaariidha.

Bitootessa keessa yeroo weerarri kun Awurooppaa seenetti jalaallewwaan qalbii addunyaa simatan Deenmaarkirraa Ingaa Rasmussen fi Jarmanii irraa Karisten Tuchsen Hansen dha.

Lamaanuu gara magaalaa daangaa biyyoota lamaanirra jirtu Aventooftitti imaluun, fageenya barbachisurra taanii wajjii hasa’aafi dhugaa turan.

Deenmaarkirraa Ingaa Rasmussen fi Jarmanii irraa Karisten Tuchsen Hansen

Madda suuraa, reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Deenmaark irraa Ingaa Rasmussen fi Jarmanii irraa Karisten Tuchsen Hansen

Ta’us garuu ammayyuu namootni jalalleewwan isaaniirra daangaan adda ba’anii jiran jiru.

Namootni Deenmaark tokko tokko Feesbuukii gubbaatti gartuu, ‘Sababa daangaa cufuun jalalleewwan adda ba’an’ jedhamu bananii jiru.

Barataan ganna 23 Kopenhaagen jiraatu Kaarl Gustaav, jaalallee isaa Iswiis jiraattuu waliin jalqaba Bitootessaa kasee akka wal hin agarre hima.

Neezarlaand ka jiraatu Donii ter Heyideefi jalaalleen isaa Kopenhaagen jiraattu Miraan Guraandhala 16 booda wal hin aggarre.

Guyya guyyaan bilbilaafi interneetan kan haasa’an ta’us jireenyi yoom isa barametti deebi’a isa jedhu baruu dhabuun isa cimaa akka ta’e BBCtti himeera.

Layilaa Siwanholmer yaada kanaan walii galti. Jalalleeshee Kalifoorniyaa jiraatu waliin yoom deebitee akka wal agartuu baruu dhabuun ‘garmalee cimaadha’ jechuun himti.

Pireezdaantiin Ameerikaa Doonaldi Tiraamo murtoo Gamtaa Awuroppaa dheekkamsiseen, Bitootessa keessa biyyootti Awurrooppa 26 irraa imala dhorkaniiru.