Balaa Xiyyaaraa Paakistaan: Xiyyaarri Paakistaan imaltoota qabatte turte Karaachii keessatti caccabde

Madda suuraa, Getty Images
Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Idil-addunyaa Paakistaan imaltoota qabattee Lahoor irraa kaatee balali'aa turte, Karaachii keessatti kufee caccabuu aanga'oonni aveeshinii himaniiru.
Xiyyaarri kufee caccabe kun imaltoota 99 fi hojjetoota xiyaaraa saddeti qabatee balali'aa ture.
Suurri miidiyaa hawaasummaa irratti bahan akka agarsiisanitti bakka xiyaarri kun itti kuferraa aarri ol bahaa ture.
Warreen tajaajila atattamaa yeroo balaan qaqqabu dhiyeessan bakka sanatti argamuu, jiraataan magaalaa Karaachii ni dubbatu.
"Xiyaarri Karaachii keessatti caccabe. Lakkoofsa imaltootaa mirkaneefachuudhaaf yaalaa jirra garuu jalqabarra imlatoota 99 fi hojjetoota xiyyaaraa saddet akka qabu quba qabna," jedhan dubbi himaan abbaa taayitaa aveeshinii Paakistaan Abdul Sattaar Kohkahaar.
Xiyyaarichi yeroo kufee caccabutti Moodel Koloniitti qubachuudhaan ture. Moodel Koloniin ammoo Buufata Xiyaaraa Jinhaa Karaachiirraa gama kaaba bahaan kiiloomeetira 3.2 fagaattee argamti.

Humni raayya Paakistaan akka jedhutti bakka balaan kun qaqqabetti argamuudhaan hojii baraaruu hojjechaa jira.
Balaan xiyyaaraa kun kan qaqqabe biyyattiin balaliin sababa weerara koronaavaayasiif dhorkamee ture akka deebiyee jalqabuuf akkuma hayyameen guyyaa tokkoon boodadha.
Balaan xiyyaarri kufee caccabuu Paakistaaniin yeroo gara garaatti mudateera.
Bara 2010 keessa xiyaarri abbummaan isaa kan Airblue ta'e qarqara Istaabulitti kufee caccabuun namoonni 152 keessa turan dhumaniiru. Kun ammoo seenaa balaa xiyaaraa Paakistaan keessatti isa hamaadha jedhameera.
Bara 2012 keessa ammoo, xiyaarri Booying 737-200 ta'e qabeenyummaan isaa kan Daandii Qilleensaa Bahoojaa Paakistaan sababa rakkoo haala qilleensaa mudateen Raawaaliippindii keessa qubachuuf osoo jedhuu caccabee namoota irra turan 121 galaafateera.
Bara 2016 keessas, xiyaarri Daandii Qilleensa Idil-addunyaa Paakistaan osoo kaaba biyyattiirraa gara Islaamaabaaditti balali'uurra ture ibiddi itti qabatee namoota 47 galaafatee ture.














