Leenjistootni pirojektii 'Cape to Cairo' balaa xiyyaaraan du'an

Paayiletoonni pirojektii xiyaara manatti hojjechuu 'Keep irraa Kaayiroo' jedhu uuman balaa xiyyaaraa Tanzaaniyaatti qaqqabeen du'an.
Paayiletonni lammii Afrikaa Kibbaa ta'an lamaan kun pirojektii barattoonni ol-adeemoo xiyyaara manatti ofiidhumaan hojjetanii akka ittiin Afriikaa naanna'an garagaraa turan.
Des Werner fi Werner Froneman ijoollee xiyyaara manatti ofiin hojjetan sanaan wayita balali'aa jiranitti xiyyaara biraan deggersa barattoota isaaniif kennuuf hordofaa turan.
Paayiletonni du'an kunneen yeroo xiyyaarri ijoolleen ofiin hojjetan ittiin balali'aa turan naannoo Taaboraatti gadi buute ture, kan osoo hordofaa jiranii balaan isaan qaqqabe.
Paayileetonni du'an kun garee ijoollee xiyyaara ofiin hojjetan teessuma afur qabdu Keep Tawonirraa gara Kaayiroo deemte gaggeessaa turan.
Wixata har'aa kana Afrikaa Kibbaatti deebiyanii akka qubatan eegamaa turan.
Aanga'oonni Taanzaaniyaa akka jedhanitti, xiyyaarri caccabde sun Sanbata darbe buufata xiyyaaraa Taaborii erga kaatee booda ture kan kufte.
Akka Abbaan Taayitaa Sivil Aveeshinii Taanzaaniyaa jedhutti, osoo raadaarii keessaa hin badiin dura paayiletonni kunneen motorri jalaa bade jennaan mallattoo akka balaan jiru agarsiisu erganii turan.
Caccabaa xiyyaarittii xiqqoo argamterraa kan hafe guutummaan guutuutti barbadoofte.
Abbaan qabeenyaa xiyyaara kanaa U Dream Global yommuu ta'u, intala Des Werneran Megaan Werner kan umuriin ishee ganna 17 ta'een hundeeffame.
"Pirojektiin Keep irraa Kaayiroo (Cape to Cairo) balaa xiyaaraa Daarekteroota pirojektichaa galaafate kanaa naasuurraa kan ka'een gabaasuullee hin dandeenye ture.
Pirojektiin xiyyaara barattoonni ol adeemoo Afrikaa Kibbaa hojjetan kun teessuma afur kan qabduu taatee Sling 4 jedhamti. Garee barattootaa miseensota 20 of keessaa qaban kanneen barnoota gara garaa qabanirraa walitti dhufanii uumamte xiyyaarattiin.

Aadde Megaan Werner dargaggoota jajjabeessuuf jecha ture kan dhaabbata kana bante.
Eebbaaf jecha balali'insa Waxabajji darbe Keep Tawoniirraa gara Kaayirootti taasifamuuf aadde Megaan dabalatee dargaggoota ja'a waliin hayyama paayiletiifi ramaddii balali'uu argataniiru. Sagantaa balali'uu qabatan kanaanis magaalaa gudduu Masirii, Kaayiroo ga'uudhaaf 12,000km deemaniiru.
Kaayyoon paayileetotaa kanaa, ijoollee ol-adeemoo kanaaf haasawaa jajjabeessoo taasisuuf ture.
Imala isaanii torban sadii fudhate kanaanis, Naamibiyaa, Maalaawwii, Itoophiyaa, Zaanzibaar, Tanzaaniyaafi Ugaandaa keessa qubatanii turan.
Dargaggoonni xiyyaratti hojjetanis meeshaa Afrikaa Kibbaa keessatti warshaa Xiyyaara omishamurraa torban sadii keessatti hojjetan. Yeroo hojjetanittis qaamolee xixiqqaa kumaatamaan lakkaa'aman ijaaruu dabalata ture.
Yeroo imala isaanii kanatti Itoophiyaatti simannaan taasifameefii ture.














