Koronaavaayirasii: 'Talaalliin argamus, argamuu dhabus' US deebitee banamti - Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidant Donaald Tiraamp Ameerikaan 'talaalliin argamus, argamuu dhabus' deebitee banamti jedhan. Garuu ammoo bara kana talaallii argachuuf abdii qabanis himaniiru.
Piroojektii "Operation Warp Speed' jedhamu kan Tiraamp carraaqii bara Waraana Addunyaa Lammaffaa meeshaa niwukileeraa argachuuf taasifametti fakkeessan yeroo gabaabaatti talaallii argachuu galma godhate eegaluu himan.
Talaalliin argamuu baatus garuu Ameerikaan banamtee sochiin idilee eegala jedhan ifatti.
Ogeeyyiin hedduun talaalliin koronavaayirasii waggaa tokkoo gaditti argamuu danda'uurraa shakkii qabu.
'Operation Warp Speed' maali?
Jimaata kaleessaa ibsa guyyuu kennan irratti, pirojektiin haaraan kun talaalliin abdii qabu jedhaman 14 irratti qorannoo akka eegalu dubbatan Tiraamp.
"Kana jechuun guddaadha, saffisas qaba jechuudha" jedhan. "Hojii saayinsii, indastirii fi dhiyeessii daran guddaa seenaa biyyattii keessatti erga piroojektii Manhaatan booda argamee hin beeknedha" jedhan.
Pirojektii walta'iinsa mootummaa fi dhaabbilee dhunfaa talaallii barbaade raabsu kana akka hogganan ajajaa Waraanaa Jeneraal Gustaavee Pernaa fi duraan itti gaafatamaa fayyaa kan turan Monseef Isloowwii muudaniiru.
Isloowwiin booda wayita dubbatan xumura bara 2020 talaallii namoota miliyoonaan dhibbaan lakkaa'amuuf gahu akka dhiyeessaan ofitti amanamummaa qabaachuu himan.
Yeroo jedhametti waan waadaa galame raawwachuun ulfaataa ta'u dursanii kan dubbatanii turan namni kun "yoo ni danda'ama jedhee itti hin amanne kutannoo hin qabaadhu" jedhaniiru.
Ogeeyyiin hedduun talaalliin argamuu baannaan Ameerikaan sochii idileetti deebi'uun balaa qabaachuu mala jedhu.
Donaald Tiraamp garuu "dhukkuboonni kaan talaallii hin qabne dhufanii darban jiru" jechuun talaallii malee sochii idileetti akka deebi'amu himan.
Manni barumsaas deebi'ee akka banamu akeekan.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras

















