US halleellaa qilleensaa Somaaliiyatiin namootni nagaa ajjeefamu gabaaste

Madda suuraa, Courtesy DVIDS
Halleellaa qilleensaa waraanni Ameerikaa baatii Guraandhalaa keessa Somaaliyaa keessatti rawwateen namootni nagaa ajjeefamu Ameerikaan amante.
Ibsi ajaja Warana Ameerikaa kan Afriikaa irraa kenname akka jedheetti, halleellaa kanaan namoonni nagaa lama kan ajjeefamaniifi kanneen biroo sadi ammoo kan miidhaan irra gahe guyyaa Wiixataati.
Akkasumas itti dabaluun haalleellaa raawwatameen miseensoonni milishoota garee al-Shabaab lama ajjeefamuus ibseera.
Dhaabbanni Amnastii Intarnaashinaal akka jedhuutti, haleellaan qilleensaa sunis qonnaan bulaa muuzii omishuufi hojjataa dhaabbata telekomunikeeshiinii ajjeesse.
''Halleellaa qilleensaa Guraadhala 23 bara 2019 gaggeeffameen namoonni nagaa lama ajjeefamanii kanneen sadii madaa'usaaniitti baay'ee gaddina,'' jedhan ajajaan Waraana US kan damee Afriikaa Janaraal Isteefan Taawonseend.
''Hiriyyoota keenya Somaaliyaatiif kabaja olaanaa qabna. Kun raawwachusaattiis baayyee gaddineera'' jedheera.
Gabaasichi akka muliseettis, komaandii 'Africom' jedhamuun beekamu kan Somaaliyaafi Libiyaa keessatiin halleellaa qilleensaa 91tu Bitooteessa 2020 keessa raawwatame.
Xumura baatii Caamsaatti marsariitiin ajjeechaa namoota nagaarratti raawwatame jedhamu kamiyyuu galmeessuu ni dandeessisa jedhame hojii eegala jetti Ameerikaan.
Dhaabbanni Amnastii Intarnaashinal garuu, Ameerikaan namoota nagaa homaa hin beekne 20 Somaaliyaa keessatti ajjeefte jedha. US garuu himannaa kana ni haalti.
Dhaabbatichi dabaluunis ajjeechaa raawwatamee gabaasuuf marsariitti qopheessuun US gaariidha jechuun, garuu irra caalaan namoota nagaa miidhaan irratti raawwatamuu kan jiraatan baadiyyaa bakka intarneetiin bilbilaa hin jirre keessaa ta'u kaasseera.
Kannafuu filmaanni gara biraa kan akka Moqaadishoo keessatti jaarsoolii ykn bakka bu'ooti namoota nagaa maatiin isaanii halleellaa qilleensaa kanaan jalaa ajjeefaman dhiyaachuu qabaata jedha.
Janaraal Taawonseend garuu yaada kana irratti deebii kennaniin, ''waraanni iccitii ykn dhokatee raawwatame jedhu hin jiru,'' jedhan.
Beenyaa namoota ajjeefamuuf gaafatamanis, komaandiin US damee Afrikaa kun tiwiitara irratti ''tarkaanfii barbaachiisaa itti aanu irratti Motummaa Federaalaa Somaaliyaa waliin hojjataa jirra'' jedheera.
Al-Shabaab kan Alqaa'idaa waliin hidhata qabu irra jireessa Kibbaa fi Jiddugala Somaaliyaa to'ateera. Akkasumas biyya ollaa kan taate Keenyaa keessatti haleellaa boombii hedduu raawwateera.
Baatii Guraandhalaa keessattis looltoonni garee kanaa buufata humnootii US fi Keeniyaatiin itti fayyadamamuu irratti haleellaa raawwachuun miseensa tajaajila waraana US tokkoofi kontiraaktaroota lammii Ameerikaa lama ajjeesuun isaanii ni yaadatama.













