Koroonaavaayiras: Shamarree Godina Jimmaatti Covid-19 irratti argame maal irratti argamti?

Dubartoota Magaalaa Finfinnee keessaa

Madda suuraa, Anadolu Agency

"Ergan galee namas dubbiseera. Torbee tokkos maatii walinis tureera," jetti shamarreen godina Jimmaa dhibeen Covid-19 irratti argame.

"Iddoo kanaa na qabe jedhee wantin shakku hin jiru. Namootas gaafadheera. Namni dhukkubsate hin jiru. Idduma na qabee hin beeku. Qilleensarraa yaa ta'uu konkolaataa keessatti yaa ta'uu hin beeku," jetti shamarree Muluu Zawduu.

Shamarreen tun biyya Libaanon irraa gara Itoophiyaa erga dhuftee ji'a tokko booda dhibeen Covid-19 irratti kan argame yemmuu ta'u, maatii dabalatee namoota garaagaraa walin tuttuqqiirra turte.

Namootni qunnamtii ishee walin qabanin adda baafamanii hordofamaa jiranis 27 gahaniiru.

"Namoota 27 kana keessaa ogeeyyiin fayyaa ni argamu," kan jedhan hogganaan Giddugala Hojii Covid-19 godina Jimmaa Dr. Ahimad Zeynuddin namoota adda baafaman kunneen dabalataan namootni biroollee hordofamaa akka jiran BBCtti himan.

Turtii Biyya Libaanon…

Biyya Libaanon waggaa sadi fi ji'oota kudhaniif turuushee BBCtti kan himte shamarreen ganna 20 Muluun, maatin Libaanonitti biratti hojjetaa turte dhukkuba sombaa dhukkubsachaa akka turan himti.

"Yeroon deemutti namichi ni qufa'a ture. Waggaa tokko keessatti na qabe," kan jettu shamarreen tun, sababa dhukkuba kanaan abbaan warraa maatichaa yeroo du'u haati warraas dhukkubsachaa turuu dubbatti.

Haala gara Itoophiyaa itti dhufte yeroo himtus "waan na dhukkubuf nan laalama jedheen dhufe. Kontiraatni hojiikoos dhumee ture," jetti.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa

Ji'a tokko dura maaltu ta'e?

Shamarree Muluu Zawduu Bitootessa 02 bara 2020 ture Libaanon irraa gara Itoophiyaa kan dhufte.

Akkuma gara Itoophiyaa dhuften guyyaa tokkof magaalaa Finfinnee bultee sana booda gara maatiishee godina Jimmaa aanaa Limmuu Kossaa deemte.

Gara maatii isheetti erga deebitee boodas, miirri dhukkubbi xiqqaa itti dhagahamuu fi gara tsabalaa deemuu ishees himti.

Miirri dhukkubbi kunis dhukkubuma sombaa walin kan walqabatu ta'uu dubbatti.

Iddo tsabalaa Xis-Abbaay Wanqishet jedhamutti guyyoota 19f turuushee kan himtu shamarreen tun "yeroon tsabalaa deebi'utti mallattoon dhukkubaa narratti mul'ate hin jiru," jechuun BBCti himte.

Gara mana maatii ishee aanaa Limmu Kosaatti argamutti erga deebitee boodas gara mana yaalaa deemushee kan himtu Muluun "dhukkubuma TB sana fayyeeramoo hin fayyine kan jedhu baruuf gara hospitaala Limmu Gannat deeme.

Achitti qorannoon hin jiru galaa nun jedhan. Ani na dhukkuba hin galun jedhen.

Sana booda dhiigaa fi akkiftaa koo qoratan. Sana booda dhukkuba Koronaaf akka qoratamtuf guyyoota afurif buufata fayyaa turuu qabda naan jedhan" jetti.

Buufata fayyaa keessattis samuudni fudhatamee qorannoon dhibee Koovid19 akka taasifameef fi vaayirasichi keessatti argamuunsaa akka itti himame dubbatti.

Yeroo ammaatti magaala Jimmaatti wal'aansarra kan jiru shamarree Muluu Zawduu yeroo ammaatti miirri dhukkubbii itti dhagahamu akka hin jirre himti.

Ogeeyyiin fayyaa waa'eeshee maal jedhu?

Ministeerri fayyaa Itoophiyaa Sanbata xiqqaa darbe ture dhibeen Covid-19 shamarree ganna 20 Muluu Zawduu irratti argamuusaa kan beeksise.

Shamarreen tun namootni biyya alaatii dhufan torbee lamaaf adda baafamanii akka turan taasisuun osoo hin eegalamin dura gara biyyaa akka dhuftes gabaasni ministeerichaa hima.

Hogganaan Giddugala Hojii Covid-19 godina Jimmaa Dr. Ahimad Zeynuddin yeroo ammaatti shamarreen tun adeemsa fayyuurratti akka argamtu BBCti himan.

Namoota tuttuqqii ishee walin qabanin yeroo ammaatti adda baafamanii hordofamaa jiran keessas maatin, firootni fi ollootni akka argaman dubbatan.

Namoota kunneenif qorannoo taasisuunis bu'aan isaa yeroo dhiyootti akka baramus himaniiru.