Koroonaavaayiras: Narsiin garaatti baattu koronaavaayirasiin duutee daa’imni garaa garuu of-kale

Yeroo ammaa abbaan warraa isheellee vaayirasichaan qabame adda of baasee jira

Madda suuraa, Other

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo ammaa abbaan warraa isheellee vaayirasichaan qabame adda of baasee jira

Hakiimni Yunaayitid Kingidam baay’ee jaalatamti jedhamteefi ulfa turte koronaavaayirasiin qabamtee lubbuun ishee darbe.

Haa ta’u malee, erga duute booda daa’ima nagaan akka dhalatu ta’e.

Aadde Meeri Agiyeyiwaa Agyaapong reefu umriin ishee 28 dha.

Hospitaala yunivarsiiti Lutoniifi Danistebil jedhamuufi biyya UK argamu keessa waggoota shanif dalagde. Gaafa Dilbataa darbe kan duutes achitti.

Dubbii Himtuun hospitaalichaa ''daa’imni nagaadha’’ jechuurra kan hafe waan dabalataa hin dubbanne.

Agiyaapong torban dura ture gaafa Ebla bultii 7 koronaavaayirasin qabamtee hospitaala kan seente. Hospitaala seenuu ishee guyyaa lama dura ture garuu kan koronaavaayirasiin qabamte.

Qondaalli hospitaalichaa Deevid Kaartar ‘‘narsii cimtuu turte’’ jechuun maatii isheef jajjabina hawwina jedheera.

Abbaan warraa Aadde Agiyaapongillee yeroo ammaa koronaavaayirasiin qabame adda of baasee jira. Hojjettoonni hospitaalichaa jajjabina maatii kanaaf akka ta’uf qarshii walitti qabaafi jiru.

Gaafa Roobii deeggarsa walitti qabuuf gama intarneetaan eegalameen hanga yoonaa birrii 200,000’tti siqu walitti qabuun danda’ameera.

Kan ishee waliin dalagan keessaa Reenaayi kan jedhamtu ‘’Meerii waliin waggaa muraasaaf waliin dalageera.

Maatii ishee kunuunsuuf dirqama qabna. Meeriin of jaalattuu hin turre. Kanaaf, yeroo kanatti maatii ishee bira dhaabbachuu qabna.

Wanti xiqqoo jennee kenninuf maatii isheef guddaadha. Lubbuukee haa qananiisu Meerii,’’ jechuun dhaamte.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa