Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasii: Weerarri kun akkamiin indastirii nyaataa addunyaa jeeqaa jira?
Uummati addunyaa hedduun sababa weerara koronaavaayirasiin karra cufatee mana keessa yeroo jiru kanatti oduun meeshaaleen tokko tokko gabaarra dhabamuu hedduu dhagahama.
Haa ta'u malee manneen nyaataa fi hoteelonni hedduun wayita cufamanii jiranitti namoonni wantoota nyaataaf oolan omishan waan omishne nama nurraa fuudhu dhabnee gatuufi jechaa jiru.
Kunneen akkaataa weerarri koronaavaayirasii dhiyeessii nyaataa guutuu addunyaarraan dhiibbaa gahaa jirudha.
1. Aannan bo'ootti gadi naquu
Biyyoota hedduu keesatti manneen bunaa cufamuun aannan guyyuu omishamu lafatti akka badu taasiseera.
Ameerikaa keessatti qofa qonnaan bultoonni guyyaa tokkotti aannan liitira miliyoona 14 gadi naqaa jiru jedha Waldaan Omishtoota Qonnaa Ameerikaa.
UK keessatti qonnaan bultoonni torbeetti aannan liitira miliyoona shan gadi naqaa jiru. Sababa kanaanis mootummaan akka isaan deeggaru gaafatanii jiru.
2. Oomishni nyaataa lafatti baduu
Sochii ugguramuu fi biyyoonni hedduun karra cufachuun damee qonnaa hunda miidhaa jira. Fedhiin hir'achuufi kuufamni hedduun jiraachuu akkasumas akki itti dhiyeessan rakkisaa ta'uun omishaaleen hedduu akka lafatti badan gochaa jira
Ameerikaa keessatti warshaan bu'aalee lukkuu dhiyeessu torbanitti hanqaaquu 750,000 ol caccabsee gataa akka jiru Niwu Yoorki gabaaseera.
Qonaan bulaa biroo qullubbii diimaa omishu ammoo qullubbii isaa nama irraa bitu waan dhabeefi, iddoo osoo hin tortoriin ol kaa'uu danda'u waan hin qabneef lafatti jalaa badaa jira.
Indiyaatti omishtoonni baala shaayii omishan sababa wanti hundi cufameef omishni isaanii lafatti baduu mala sodaa jedhu qabu.
3. Hojjettoota gahaa dhabuu
Rakkoo hamma barbaadamuu ol omishuufi akka itti dhiyeessan dhabuun alatti iddoo kaanitti ammoo sababa namni manaa bahuu dhorkameef warshaaleen nyaata qindeessanii dhiyeessan hedduun hojjettoota dhabne jedhaa jiru.
Torbee darbe Jarman lammileen Romaaniyaa fi Poolaand hedduun gara biyyashee seenanii oomisha qonnaa sassaabuu irratti akka hojjetan bifa addaan hayyamtee turte.
4. Amala bittaafi gurgurtaa namaa jijjiiruu
Weerarri kun wantootni namoonni bitan akka jijjiiramu taasiseera.
UK keessatti namni mana oolu hedduun daabboo tolchuutti waan ka'eef daakuun garmalee mi'aaye.
Warri Firaans ammoo erga weerara koronaavaayirasii nyaata orgaaniik ta'anitti gadi taa'an, kan warshaalee keessatti hin omishamne malees hin bitan jedhamaa jira.
Kunis sababa namoonni hedduun nyaata fayyaaf gaarii ta'e nyaachuuf fedhiin qaban dabaleefi.
5. Kuufamni duraanii hin tuqamiin jira
UK keessatti manneen dhugaatii cufamuun dhugaatiin barmeela hedduu kuufamee jiru lafatti akka badu taasisa.
Dhugaatiin kunneen hedduunisaanii kan guyyaan itti dhugamuu qabu irra darbaa jira. Kuni kuusaa nyaataa kaaniifis wal fakkaataadha.
Haa ta'u malee kanneen sababa weerara kanaan fayyadamanis jiru. Fakkeenyaaf omishtoonni juusii burtukaanaa daldalli isaanii daran ho'ee jira.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras