Koronaavaayirasii: Magaalaa Niiw Yoorkitti reeffi jumlaan iddoo tokkotti awwaalamaa jira

Madda suuraa, Reuters
Suuraawwan magaalaa Niiw Yoorkiitii kaafaman saanduqni reeffaa jumlaan iddoo tokkotti yoo awwaalaman agarsiisu.
Kunis sababii weerara koroonaavaayirasii irraan kan ka'e dha.
Hojjettoonni huccuu yeroo balaa keewwatan yaabduu fayyadamuun boolla reeffi itti awwaalamu keessa yoo galanii bahan mul'ataniiru.
Iddoon kun Haart Aylaand kan jedhamu yoo ta'u namoota fira yookiin nama isaaniif waamamu hin qabneefi sirna awwaalchaaf kaffaluu hin dandeenyeetu itti awwaalama.
Gabaasa haaraa amma jiruun magaalaan Niiw Yoork biyya addunyaa kamiyyuu caalaa namoota koroonaavaayirasiin qabaman qabdi.
Namooti vaayirasichaan qabaman Kamisa kaleessaa qofa 10,000 dabalaniiru. Kunis lakkoofsa waliigalaa 161, 000 ol gaheera.
Ameerikaatti namooti dhukkubichaan qabaman 465,000 ol kan ta'an yoo ta'u kan lubbuun darbe immoo 16,000 olidha.
Akka addunyaatti namooti miiliyoon 1.6 vaayirasichaan kan qabaman yoo tahu. Namoonni 100,000'tti siqan immoo lubbuu dhabaniiru.
Iddoo Haart Aylaand jedhamu kun waggoota 150f namoota nama isaaniif waamamu hin qabneefi sirna awwaalchaaf kaffaluu hin dandeenyef fayyadaa ture.
Waan mirkanaa'e jiraachuu baatus saanduqni reeffaa hangas baay'atu kan namoota koroonaavaayirasiitiin du'an ta'uu hinoolu jedhamaati jira.
Awwaalchi jimlaa kun yeroo weerara dhukkuba kanaatti dabaleera. Torbeetti al tokko raawwatamuurra torbeetti guyyaa shan ta'eera.
Yeroo baayyee hojii namoota awwaaluu kana hidhamtoota Raayikars Ayilaand jedhamurraa dhufantu raawwata ture. Amma garuu lakkoofsi namoota du'anii baay'annaan kan awwalu itti qacarame.
Kantiibaan magaalaa Niiw Yoork Biil Dii Bilaasiyoo torbee kana keessa, ''hamma weerarri kun darbutti lafatti awwaalaa yeroof tahu barbaachisaadha, jedhan.
''Lafa seenaa qabdu Haart Aylaand fayyadamnes,'' jedhan.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















