Koronaavaayiras: Ispeen ibiddicha 'to’annoo jala oolchaa jirti' MM biyyattii

Madda suuraa, EPA
Ministirri mummee Ispeen, paarlaamaa isaanii dhimma labsii yeroo muddamaa dheeressuu irratti mari'ataa jirutti, biyyi isaanii yeroo hamaa darbaa jirti jechuun himan.
''Ministirri mummee Peedroo Saancheez, ''ibiddicha to'annoo jala oolaa jira jechuun Maadriiditti bakka bu'oota uummataatti himan. Biyyattiin vaayirasicha ''guutummaan guutuutti akka mo'attus,'' dubbataniiru.
Ispeen biyyoota Awurooppaa irraa namoota vaayirasichaan qabaman 152,446 qabaachuun dursiti.
Kaleessa (Kamisa) immoo lakkoofsa namoota du'anii 15,238 gaheera.
Haalli dhukkuba kanaa ni tasgabbaa'a jechuun kan dubbatan hogganaa Awurooppaa isa jalqabaati.
Biyyooti Awurooppaa dhorkaawwan keewwaman akkamiin torbee dhufu akka salphisuufi hir'isuu danda'an yaadaa jiru.
Koomishiniin Awurooppaas kanumaaf karoora baasaa jira, sababiinsaa cufamuun biyyootaa diinagdee irratti dhiibbaa uumaa waan jiruufi.
Hoggantoonni Gamtaa Awurooppaa guyyoota lamaaf haa mari'ataniyyuu malee deeggarsa diinagdee taasifamu irratti walii hin galle.
Ministiroonni Faayinaansii kanumarrtti mari'achuuf Biraasals irraa teleekoonfiransii galgala kana taasisu.
Ministirri mummee Xaaliyaanii Guseeppee Kontee, ''carraa kanatti fayyadamnee Awurooppaaf jireenya haaraatti hin fidnu taanaan kufuun keenyi hin oolu,'' jedhan.
Ispeen attamiin jirti?
Odeeffannoon guyyaa kaleessaa keessatti jiru akka mul'isu yoo taheef namooti 683 du'aniiru. Kunimmoo kan isa gaafa Roobii 757 hir'isee jira.
Namooti qabaman immoo 152,446 kunis kan Ameerikaa 400,000 qabdutti aanee lakkoofs isa guddaa dha.
Paarlaamaan Ispeen labsii yeroo muddamaa hanga Ebla 26tti dheeressuu irratti mari'achaa jira. Yaadichi ni ragaasifama jedhamee eegama.
Ispeen biyyoota Awurooppaa tarkaanfii cimaa fudhatan keessaati. Kunis tatamsa'ina dhukkubichaa hir'iseera jedhan ministirri mummichaa.
Awurooppaan amma naannoo weerarri kuni akka malee itti hammaate keessaati. Namooti baay'inaan ni dhukkbichaan qabamu, du'aas jiru.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras













