Koroonaavaayiras: Niiw Yoork namoota koroonaavayirasiin irratti argameen biyyoota hunda caalte

Niwuyork namoota koroonaavayirasii qabaachun biyyoota hunda caalte

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Niwuyork namoota koroonaavayirasii qabaachun biyyoota hunda caalte

Ragaan reefu bahan akka agarsiisanitti Ameerikaatti kutaan biyyaa Niw Yoork biyyoota kamiyyuu caalaa namoota koroonaavaayirasiin qabaman hedduu qabaachuun dursummaa fudhatte.

Kamisa kaleessaa namoonni haaraa qabaman 10,000’n dabalamuun waliigalatti namootni qabaman gara 159,937 guddachuun biyyoota akka Ispeen (153,000) fi Xaaliyaanii (143,000) dursite.

Ta’us, lakkoofsa namoota vaayirasichaan du’anii biyyoota lamaanu gadi ta’e galmeessifte.

Vaayirasichi kan jalqaba keessatti argame Chaayinaatti namoota vaayirasichaan qabaman 82,000 turan.

Guutummaa Ameerikaatti namoonni vaayirasichaan qabaman 462,000 yoo ta’an, lakkoofsi namoota du’anii 16,500 tti dhiyaaatera.

Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan qabamaniis saffisaan dabalaa bula.

Ammaa addunyaarratti namoonni mil 1.6 koronaavaayirasiin qabamuun, namoonni 95,000 ta’an vaayirasichaan du’an.

Niwuyorkitti namoonni 7,000 koroonaavaayirasii du’an.

Biyyoota weerarri kun gaaga’ama lubbuu qaqqabsiise Ispeenitti namoota 15,500 tu lubbuu dhabe, Xaaliyaanittimmoo lubbuu namoota 18,000 galaafate.

Chaayinaan lubbuu namoota 3,300 vaayirasii kanaan dhabuu ibsitus, lakkoofsi namoota du’anii dachaa kanaa guuta jedhameera.

Odola Hart jedhamutti waggoota 150 darbaniif iddoo namoonni jumlaan itti awwalaman, namoota firaafi aantii of biraa hin qabnetu achitti awwaalama.

Weerara dhibee kanaatiin walqabatee iddoo namoonni jumlaan itti awwaalaman kanatti boolli awwaalchaa guddaan wayita qotamutu xiyyaara rimootiin to’atamtuun suuraan kaafame.

Dur torbanitti yeroo tokko sirni awwaalchaa iddoo kanatti gaggeefama ture.

Amma gara guyyoota shanitti guddateera jedhame.

Namoonni sababii weerara dhibee kanaan du’an dabaluu wajjin wal qabate akka ta’etu ibsame.

Iddoo sirni awwaalcha itti raawwatamu kana duraan hidhamtoota odola Rikers jedhamurraa achii geeffamanitu hojjata ture, amma hojiin itti heddummannaan kontiraaktara biraaf dabarfame.

Roobii darbe qofayyuu Niwuyoorkitti namoota 799 du’uutu ibsame. Guyyoota sadan darban keessatti lakkoofsa namoota du’anii gudda ta’ee galmaa’e.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa