Namtichi ‘daabboo bituuf’ km380 ol konkolaataan imale adabame

Madda suuraa, Getty Images
Namichi 'daabboo bituuf' km380 ol konkolaataan imale adabame.
Magaalaa Landaniirraa daabboo bituuf manaa akka bahe kan dubbate namni kun otoo sa'aatiitti km177ol oofuuti poolisiin kan isa qabes.
Dilbata kaleessaa otoonni gara Nootiingihaam, lafa jireenyasaatti deebi'uuti karaatti kan qabame.
Ijoollee isaa lamaan qabatee kan ture yoo tahu daabboon Landanitti rakasa waan taheefin achi dhaqee jedheera.
Poolisiin magaala Leestar adabbii lama irratti murteessuun, isa saffisa hayyamameen olitti konkolaachiseef immoo isa himateera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Fageenyi magaalawwan Nootiingihaamiifi Landan gidduu jiru km190 oli.
Poolisiin namtichi saffisa hayyamameen olitti isa oofeef hangam akka adabamu mana murtii irraa hubanna jedheera.
Adabbiin inni kaan immoo seera sababa vaayirasii koroonatiin namni manaa akka hin baaneef labsame cabseera kan jedhu dha. Kanaafis poolisiin qarshii 2400 isa adabeera.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras













