Dr. Kaatriin Hamliin: 'Yoon ani du'u bakki kun hanga Fistulaa balleessinutti itti fufa'

Madda suuraa, Hamlin Foundation
Ogeettiin fayyaa, kanneen Hospitaala Fistulaa Hamliin hundeessan keessaa toko kan ta'an, lammiin Awustiraaliyaa fi Itoophiyaa Dr. Kaatriin Hamliin du'aan boqochuun isaanii erga dhagahamee namootni kabajaa fi gadda isaanii ibsaa jiru.
Kominikeeshiniin Hospitaala Feestullaa Hamliin, Dr. Kaatriin guyyaa kaleessaa Finfinneetti mana jireenyaa isaanii Hospitaala isaanii jala jiru keessatti ganna 96'tti du'aan boqochuu isaanii BBC'f mirkaneesseera.
Waggaa 60 oliif Itoophiyaa kan jiraatan Dr. Kaatriin, hospitaala abbaa warraa isaanii waliin hundeessan kana keessatti dubartoota 60,000 ol waldhaananiiru.
MM Abiy Ahimad, Dr. Kaatriin ''dubartootni biyya kiyyaa kabajni isaanii irraa mulqame boquu olqabatanii akka deeman dhama'aniiru, Itoophiyaan miidhagina addaa kana dhabdee'' jechuun gadda isaani ibsaniiru.
Dr. Kaatriin bara 2012'tti mootummaan Itoophiyaarraa lammummaa Kabajaa Itoophiyaa argataniiru.
Ofii Dr. Kaatriin akkamiin yaadatamu?

Madda suuraa, The Sydney Morning Herald
Maqaan guutuu isaanii Elinoor Kaatriin Niikolsan kan ta'e Dr. Kaatriin, bara 1924 Awustiraaliyaa magaalaa Sidniitti dhalatan.
Obbolaa shan waliin dhalatanii kan guddatan Dr. Kaatriin fedhii addaa dubartoota garagaaruuf uumamaan qaban irraa kan ka'e, bara 1946'tti Yunivarsiitii Siidnii mana baranootaa meedikaalatti makamuun ogummaa fayyaan eebbifamaniiru.
Ogummaa fayyaa barnootaan horatan manneen yaalaa magaalaa Siidnii keessa jiran keessatti otuu tajaajilaa jiranii Dr. Reeginaald waliin wal jaallatan. Bara 1950'ttis bultii waliin ijaarratanii, waggaa lamaa boodaa ilma isaanii hangafaa Richaardiin horatan.
Itoophiyaa akkamiin dhufan?
Ilmi isaanii Richaard waggaa jaha yoo gahu, mana baranootaa miidwaayifarii magaalaa Finfinneetti akka banamuuf beeksisa barruu 'the Lancet medical journal' jedhamurratti bahe ture arganii maatii isanii qabatanii gara Finfinneetti imalan.
Hojii waggaa sadiif qofa turuuf dhufanii umurii lafarra jiraatan harka caalu Itoophiyaatti dabarsan.
Hospitaala yaadannoo mootitti Tsahaay keessatti wayita hojjetaa turan muuxannoo dhibee Feestullaa yaaluu kan hin qabne ta'uus, dhukkubsattootni yaalaaf dhufaa turan akkan baayyachuun gahumsa sanii gabbisanii mala yaalaa haaraa hanga ammaa hojiirra oolaa jiru akka uuman gargaare.

Madda suuraa, The Sydney Morning Herald
Dhibee Festullaa yaaluuf jalqaba addatti kilinika xiqqoo siree 10 qabu ijaaran. Boodas bara 1975 ji'a Caamsaa keessa Hospitaala Feestullaa Finfinnee ijaaran.
Yeroo ammaa hospitaalli kun guutuu biyyaa keessatti dameelee jaha kan qabu yoo ta'u, dubartootni Itoophiyaa 60,00 ol ta'an dhibee dhibee 'obstetric fistula' jedhamuun dararaamaa turan, waldhaansa jireenya isaanii jijjiiruun qaqqabuufii danda'eera.
Abbaan warraa isaanii bara 1993 yoo du'aan boqotan, gadda guddoo keessa turaniifi gaafatama hospitaala kana kophaa gaggeessuuf yaaddoo keessa galaniis jajjabina nama biqiltuu qe'ee isaanii kunuunsu obbo Birruu jedhaman irraa argataniin hojii isaanii akka itti fufan seenaan gabaabaan Faawundeeshinii Fistullaa Kaatriin Hamliin irraa argame ni ibsa.
Bara 2007'tti 'Hamlin college of Midwives' hundeessuun abjuu isaanii ogeeyyii dahumsaa leenjisuu dhugoomsan.
Hospitaalli Feestullaa Hamliin yero ammaa hojjettoota hedduun isaanii Dr. Kaatriiniin leenjia'an 550 qaba.
Kenniinsa waldhaansa isaaniin hedduu kan leellifaman Dr. Kaatriin, ''dhukkubsataa hunda jaalalaafi of eeggannoo guddaa, beekumsaafi hubannoo lakkoofsaan, huccuu haaraafi maallaqa manatti ittiin deebi'aniin yaalla jechuun dubbatanii turan.
Itoophiyaa nan jaaladha, asitti guyyaa hunda nan mararfadha
Dr. Kaatriin bara 2001'tti gaazexessaa lammii Awustiraaliyaa Joon Littil jedham waliin kitaaba jireenya isaanirratti xiyyeefatuu fi mata duree 'The Hospital by the River: a story of hope' jedhu barreesanii maxxansaniiru.

Madda suuraa, Fairfax Media Archives
Kitaaba isaanii kana keessattis ishee fi abbaan warraa ishee hojii isaanii akka hojii tola ooltummaa kiristaanaa tokkootti akka ilaalan ibsaniiru. Erga lubbuun darbanii boodas hojiin gaariin hojjetan yaadatamaa kan itti fufu akka ta'e akka ibdi qaban himanii ture.
''Yeroon du'uus, Feestullaa hanga walumaagalatti badutti, hanga dubartiin Itoophiyaa hundi daa'ima nagaa fi dahumas rakkoo hin qabne raawwatanitti bakki kun waggoota hedduuf ni jiraata.''
Dr. Kaatriin mana isaanii waggoota 61 kan ta'e Itoophiyaatti bakka abbaan warraa isaanii itti awwaalaman bakka awwaalchaa loltoota waraanaa Biriteenitti raawwatama.
Waggaa 61'ff turtii isaanii Itoophiyaa bara darbe yeroo kabajan Dr. Katriin, ''Itoophiyaa nan jaaladha, asitti guyyaa hunda nan mararfadha'' jedhanii turan.
Badhaasota hojii isaanii dansasaf argatan keessaa muraasa
- Dr. Kaatriin si'a lama badhaasa Noobeelii nagaaf kaadhimamanii turan
- Bara 1995 badhaasa gudducha Awustiraaliyaa(the Companion of the Order of Australia) argataniiru
- Bara 2001'tti tajaajila misooma idila addunyaa Afrikaa keessatti hojjetaniif badhaasa 'Australian Centenary Medal'
- Bara 2009 badhaasa Right Livelhood Award jedhamu argataniiru.
- Bara 2018 beekamtii 'NSW Senior Australian of the Year'
- Bara 2015 badhaasa pireezidantii Waldaa Ogeeyyii fayyaa Awustiraaliyaa injifataniiru
- Bara 2012'tti mootummaan Itoophiyaa lammummaa Kabajaa Itoophiyaa kenneeraaf
- Bara 2019'tti MM Abiyyiin badhaasni guddaa lammii Itoophiyaaf kennamu kennameeraaf














