Keeniyaa maaliif hir'inni dhiiga namaa ishee mudate?

Hospitaalonni Keeniyaa hir'inni dhiiga namaa waan mudateef, yeroo baayyee firoonniifi hiriyoonni dhukkubsattootaa akka arjoomaniif waamamu.

Waldaan Fannoo Diimaa biyyattiis fuula tiwitara isaarratti ergaa namoonni akka dhiiga arjooman gaafatu maxxanseera.

Ji'a kana qofaa hospitaalota biyyattii adda addaa keessatti namoonni 10 ta'an diigni waan barbaachisuuf akka ummanni arjomuuf waamicha dhiyaassaniiru.

Kanaafuu Keeniyaan dhiiga hangamii barbaaddi? Hir'innis maaliif umamee laataa? kan jedhu gaaffii deebii'u qabuudha.

Keeniyaan ofii dhiiga hangamii walitti qabdee?

Haala qajeelfama Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin baay'ina ummata biyyattiif gahaa kan ta'u dhiiga yunitii miiliyoon tokko waggaan walitti qabuun barbaachisa.

Baayinni ummata Keeniyaa miliyoon 47 yoo ta'u, osoo dhiigni parsantaa tokkoo arjomamee wayita kana biyyattiin dhiiga yunitii kuma 470 ni qabaatti ture.

Garuu bara 2018/19 qofaatti dhiingi yunitii kuma 164 walitti qabamu himamee ture. Kunis lammiileen keeniyaa dhiiga arjoomuu kaka'umsa waan hinqabneef ammi walitti qabamee kan qajeelfamaan barbaadamuun gadi.

Wagaggaa waggaanis baayyinni kun jijjirama hin agarsifne.

Kana malees, namoota bara 2018 keessa dhiiga harjooman keessaa kanneen %70 kan yeroo jalqabaatiif kennaniidha.

Namoonni ira deebiin dhiiga arjooman baayyachuun ammoo hamma dhiigaa barbaadamu mirkanneessuufi gatiifi sochii namoonni akka arjoomaniif kakaasuuf taasifamu hir'isuu caalaa barbaachisa.

Hir'inni dhiigaa kun maaliif mudate?

Maalaqni sochii duula dhiiga arjomuuf taasifamu kanaaf kan harka 80 kan argamu dhaabbilee deegarsa tasisan irraayi, akka gabaasa motummaa dhiheenya kanaatti.

Sochii akkasiitiif kanneen deegarsa taasisan keessaa motummaa Ameerikaa kan karaa deegara Karoora Yeroo Ariifachiisaa pirezidaantii biyyattii 'Aids Relief' jedhamu isa guddaadha. Kaayyoo guddaan sagantaa kanaas namoota dhukkuba Ediisin qabaman addunyaa gutuutti deegaruudha.

Biyyi Keeniyaas sagantaa kanarraa haalaan fayyadmaa kan jirtu yoo ta'u, mallaqni sagantaa kanaas baatii Fulbaanaa irraa kaasee dhaabateera. Kunis meeshaalee fi dhiyeessitiin dhiigaa irratti dhiibbaa taasieera.

Ruweida Obo, miseensi gumii biyyaaleessaa akka jettuutti, rakkinni hirina dhiigaa kun kan madee deegarsa biyya alaa irratti qofa hirkanuu biyyattiin. ''Wayita deegarsi dhaabbateetti motummaan karoora filamaata kan gara biraa hinqabu ture,'' jetti.

Gabaasni motummaa Mudee darbe dhiyaateenis tajaajilli dhiyeessitii dhiigaa balaarratti waan argamuuf walitti qabuu fi deegarsi attattamaa barbaachisaa ta'u akeekkachisee ture.

Garuu deegarsi maalaaqaa jedhamees yeroo hindhiyaatiin hafeera.

Dr Fridah Govedi, Ittigaafatamtuun kutaa tajaajila dhiiga biyyaaleessaa sagantaan deegarsaa adda cite hanga walakkeessa Bitooteessaa ni gaha jedhamee eegamaa akka ture dubbatti.

''Walitti fuufiinsa mirkanneessu irratti qaawwatu ture... rakkinni isa natti fakkaata,'' jette BBC'n.

Erga deegarsi baatii Fulbaanaa keessa irraa dhaabatee hanga dhiiga yunitii 1,000 qofatti wayiti qaqaban jiraachu himti. ''Guyyaatti yoo xinnaatee dhiiga yunitii 1,500 nu barbaachisa. Yoo hanga yunitii 3,000 qabaannee ammoo haala tasabaa'aa keessa jirra jechuudha,'' jetti.

Haa ta'u malee tibba kanatti biyyattiin guyyaatti dhiiga hanga yunitii 2,500 fi 3,000 walitti qabaa jiraachu himti.

Hakimoon ammoo ammalleen hanqina dhiiqaa isaan mudataa jiraachu BBC'tti himan.

Haalli kun attamiin fooyya'u danda'aa?

Dr Thuranira Kaugiria, quqamaan fayyaa hawaasaa tajaajila dabarsaa dhiigaa biyyaaleessaatiif walabummaan kennamu qabaata jedha. To'annoo motummaa jalaa bahu qabaata jedha.

Haa ta'u malee hir'ina dhiigaa mudateen biyyattiin rakkina keessa galtee jirti.

"Osoo ummata Keeniyaa keessaa %1 qofti arjomee gahaa qabaanna ture. Garuu deegarsa maallaqaa sana waliinuu dhiiga gahaa qabaannee hinbeeknu ture. Aadaa dhiiga arjoomu cimsuu qabna,'' jechuun BBC'tti himan.

Dr Govedi akka jedhuutti lammiilee Keeniyaa barbaachisummaa dhiiga arjoomuu hinjajabeessan.

''Namoonni tokko tokkoos yoo dhiiga kennan akka du'aniitti amanu. Ykn ammoo dhiiga yoo kennite carraa hamaan akka si mudatuutti ilaalu. Kuun ammoo qoratamuun bu'aa dhufuu soodaachun of qabu.''

Motummaan qophiiwwan duula arjooma dhiigaa gaggeessaa jira. Hanqiina dhiigaa umamee hiikuufis tibba manni barnootaa cifamuutti daraggoota irratti xiyyeeffachuun hubannoo barattoota sadarkaa lammaaffaa akka dhiiga arjoomaniif cimsuurratti xiyyeeffachun hojjata.