Faransaayi: Lammiin Raashiyaa iccitiin michuu pirezidaanti Maakiroon saaxile to'atame

Madda suuraa, AFP
Aartistiifi rogeessaa lammii Raashiyaa kan ta'e Petri Paavlenskiin poolisi Faransaayiin kaleessa kan to'atame viidiiyoo quunnamtii saalaa duula siyaasaa pirezidaantii Imaanu'el Maakroon dukkaneessee kana keessaa harka qaba jedhamuun.
Petr Paavlenskii Paariis keessatti hidhamu isaas midiyaaleen biyya keessaa gabaasan.
Viidichis kaadhidhamaa kantiibaa Paariis kan ta'e Beenjaamiin Griveaux akka hinmo'annee taasiseera jedhamuu qondaaltoota siyaasaatiin baayyee qeeqame.
Marsariitiin balinaan hinbeekamne tokkorrattis, Mr Griveaux ergaa dhunfaa bilbilaan shamarree tokko waliin taasiseen akkasumas viidiiyoo erguufi maxxanseera.
Mr Paavlensikiin bara 2017'tti kolugaltummaa gaafatee gara Faransaan kan dhufee yoo ta'u, viidiyicha kan maxxansee qondaalli siyaasaa kun himaannaa inni karaa intarneetiin gocha quunnamtii saalaa keessatti qabu mul'isuuf jedheera.
Viidiyichi akkuma Kamisa darbe gadhiifamuun battalumati midiyaalee hawaasaa irratti balinaan qoodamee.
Kantiibaan Paariis kan ammaa Annee Hidaalgoo jireenyi dhuunfaa namootaa kabajamu qabaata jedhan.
Ogganaan garee warraa 'Far-left' kan ta'e Jeen Luus Melenchoon gama isaanitiin gadhiifamu viidiyoo kanaa 'gonkumaa ta'u kan hinqabaannee' jechuun yoo qeeqan, dureen garee 'far-leeft' kan ta'an Maariin Le Peen ammoo Mr Griveaux duula na filadhaa dhaabu qabu jedhan.
Maddeen seeraa eeruun midiyaa Faransaayii tokko akka gabaaseetti ammoo, to'atamuun Mr Paavleenskii viidiyicha waliin hin qabatu. Inni qoratamaa kan waldhabdee Muddee 31 Paariis keessatti umamee tureefi kan ''itti yaaduun meeshaan waraan miidhaa qaqabsuun'' kan wal qabateedha jedheera.

Madda suuraa, AFP
Mr Paavlenskii garuu attamiin namootiin siyaasaa akka sadarkaa isaanii sobaan ol kaafatan mul'isuuf maxxansuu dubbata.
Mr Griveaux gaa'ila dhaabbachu ijoollee kan argatan yoo ta'u, dubbi himaa motummaa ta'un tajaajilaniiru. Gocha viidiiyoo gadhiifamee ilaalchisees baayyee kan aaran yoo ta'u, Jimaata irraa kaasee dorgommii Kantibummaa keessaa keessaa ofii baasaniiru.
''Maatiin kiyyaa kun irra gahuu hinqabaatu. Namni kamiyyuu maqa balleessoo akkasiif saaxilamu hinqabaatuu,'' jedhan.
Guyyaa Sanbtaa Mr Griveaux miriga dhuunfaa isaanii sabamuu ilaalchisee poolisiitti iyyata galfataaniiru. Amma dhimmicha ilaalchisee waajira abbaa alangaa Paariisiin qorannon gaggeefamaa jirachunis himame.
Petr Paavlenskiin eenyuu?
Innis jalqaba amala akkasii kan horatee wayita bara 2013'tti Adabaabaayi Diimaa Moosikoo irratti gar malee eebame ture. Achinis gara Raashiyaatti baqachuun kolulugaltummaa gaafate. Aangootaan himannaan miidhaa quunnamtii saalaa irratti dhiyaatulleen garuu inni kana hinfudhanne.
Mooskoo keessatti karra fuulduraa Ejansii Basaasa FSB'tti abida qabsiisuunis ji'oota torbaaf hidhamee ture.
Osoo hin qabamiin dura midiyaa oduu Faransaayiitti akka himeetti, Mr griveaux nama siyaasaa inni irratti xiyyeefatu kan jalqabaa ta'u himuun, ''maqaa ofi guddisuu qondaaltoota siyaasaa irratti'' duula akka itti fufu himee ture.













