Barack Obama: 'Biyyoonni addunyaan osoo dubartootaan kan gaggeeffamtu taate waan hunduu ni foyyaa'a'

Madda suuraa, European Photopress Agency
Osoo biyya hundumaa addunyaa kanarra jiran dubartoonni kan gaggeessan ta'ee sadarkaan jireenyaa ni foyyaa'a, bu'aan gaariillee argamuu mala jedhan Pirezedaantiin duraanii US Baraak Obaamaa.
Singaappoor keessatti dubbii dubbataniin akka jedhanitti,dubartoonni mudaa kan hin qabne miti garuu "shakkii tokko malee" dhiira caalu.
Rakkoowwan addunyaa kanaa namoota dullooman, keessumaa dhiironni, aangoo qabatanii irratti cichuun dhufa jedhan.
Obaamaan waa'ee siyaasni fiixee lamaanitti walirraa fagaachaa deemuufi oduu sobaa tattamsaasuu keessatti qooda miidiyaalee hawaasummaa qaban ilaalchisaniis dubbataniiru.
Qophii dhuunfaa dhimma gaggeessummaa irratti qophaa'erratti kana kan dubbatan Obaamaan, yeroo aangoorra turanitti addunyaan dubartiidhaan gaggeeffamtu maal akka fakkaattu dubbachaa turuu isaaniillee himaniiru.
"Amma akka dubartoonni hubattan kanan barbaadu, isin mudaa kan hin qabnes miti, garuu kan ani jechuu danda'u, shakkii tokko malee isin nurra [dhiirotarra] ni caaltu.
"Osoo biyyi addunyaa kanarra jiru kamiyyu waggaa lamaaf dubartootaan kan gaggeeffamtu taate, waan maraafi bakka hundaatti jijjiirama qabatamaa argitu... kan akka fooyya'insa sadarkaa jireenyaafi bu'a qabeessummaa jiruu dabalatee akka arguu dandeessan shakkii tokko malee nan amana," jedhan Obaamaan.
Tarii gara gaggeessummaa siyaasaatti deebi'uu danda'uu kan jedhu gaafatamanii, gaggeessitoonni yeroon isaanii akkuma ga'een karaa gadi dhiisuuttin amana jedhan.
"Yoo addunyaa kana ilaaltan, akkasumallee rakkoo ishee yoo kan hubattan ta'e yeroo baay'ee namoota dulloomanidha. Kuna ammoo garaa gadi dhiisuu diduu isaaniitiin," jedhe.
"Gaggeessitoonni siyaasaa wanta barbaachisaa yaaluufi of-yadachiisuullee qabdan bakka irra jirtan sana itti hojjechuuf malee, guutummaatti qabattanii jiraachuuf akka ta'edha. Bakka sanarra kan jirtan akka isin malee namni hin jirretti akka of dhiyeessitaniif miti."
Obaamaan pirezedaantii US ta'uudhaan bara 2009 hanga 2017tti tajaajilaniiru.
Erga Waayit Haawusi keessaa bahanii booda giifti dureen duraanii Misheel Obaamaan dhaabbata gaggeessitoota ol-adeemoo addunyaa kanarraa ittiin baasaan hundeessuun hojjetaa jiru.
Dhaabbanni isaan ittiin gaggeesitoota dargaggeeyyii addunyaa kanarraa ittiin qaran kunis Obaamaa Faawodeeshinii jedhani.
Jarri lamaanuu torban darbe qophii Obaamaa Faawudeeshinii Kuwaalaa Lumpuuritti qophaa'eerratti argamani turan.
















