'Shimalaan tumaa malee yakkamtoota hin hidhina' jedhe miseensi Paarlaamaa Zaambiyaa

Shimalaan tumaa malee yakkamtoota hin hidhina, jechuun yaada dhiyeessan miseensi Paarlaamaa Zaambiyaa tokko.
Miseensi paarlaamaa kun yaada kana kan dhiyeessaniif sababa namoonni yakka raawwataniin addabiin cimaan itti murtaa'e mana hidhaa keessa yeroo turan manni hidhaa dhiphachuu maluuf.
Manni hidha biyyattii keessa jiran namoota 8,000 akka qabachuu dand'anitti qophaa'an namoota 22,000 ta'an qabachuuf dirqamaniiru.
Miseensi Paarlaamaa maqaan isaa Kapimbawaa Simbahoo jedhamu, yeroo jiilli Ministira Dhimma Biyya Keessaa Barreessaa Paarlaamaa Chilish Mulengaatiin durfamu parlaamaa duratti dhiyaatanii itti -gaafatamummaa hawwaasaa koreetiif dhiyeessanitti ture.
"Akka manneen hidhaa hin dhiphannetti maaliif wixineen seeraa yakkamtoonni gara reebichaan adabamuutti jijjiirsisu hin dhiyaane? jechuun yaada isaanii gaazexee Zaambiyaa Deyilii Meel jedhutti himan.
"Kan baratameen alatti yaaduu qabna. Ani adabbiin hidhaa waggaa gara uleetti jijjiiramuu qaban jedha. Mana hidhaa akka namoonni 8,000 keessatti hidhamaniif qophaa'e keessatti namoota 22,000 hidhuu hin qabnu."
Namichi kun akka jedhutti yaadni dhiyaate kun namnoota yakka cimaa raawwatan ilaallachuu hin qabu.
Ministeerichi yeroo tokko tokko baayyina hidhamtootaa irraa kan ka'e dhiphinni akka hin uumamneef araaraafi dhiifamawwan pirezedaantiin taasisuu fayyadamuun gadi dhiisu jedha Obbo Mulenga .
Kana malees, manneen hidhaa dabalataa ijaarunis barbaachisaa ture.
"Baayyinni ummata keenyaa dabalaa akka jiru hubachuun barbaachisaadha. Manneen amala sirreessaan dabalataan ijaaramuu feesisa.
Akkaataadhuma manneen barnootaafi hospitaalawwan ittiin ijaarreen maaliif manneen amala sirreessaa ijaaruu hin dandeenyee?" jechuun gaafate.













