Zaambiyaa: Gaazexaan biyyaaleessaa Afaan Maandariin Chaayinaan maxxanse

Madda suuraa, Times of Zambia
Dhiibbaa Chaayinaan Zaambiyaa irratti qabdu akka guddachaa dhufeen, gaazeexaan mootummaa 'Times of Zambiyaa' jedhamuu mala ittiin bu'aa isaa dabaluu uumuun odeessaa dursaa isaa afaan Maandariin (afaan Chaayinootaan bal'inaan haasa'amu) maxxaanseera.
Odeessaan kun haasaa Pireesdaant Eedgar Lunguu 'Zaambiyaan bahas ta'e lixa hin ilaaltu- gara fulduraa ilaaluun kan nu waliin adeemuu barbaaduu waliin adeemna' jedhaan of keessatti qabata.
Odeessa kana afaan Ingiliffaafi Maandariin Chayiniffaan maxxansuun kan barbaachise gabaa Chaayinaa keessatti dorgomaa ta'uufi jechuun Dubbii himtuun Motummaa Dooraa Siiliyaa ibsiteetti.
Ibsi kun namoota adda addaan qeeqameera.
Namni tokkoo afaan biyyaa biraa filachuun yoo barbaachise afaan Gujraatii hawaasaa Indiyoota Zambiyaan haasa'amu filachuu wayya jechuun dubbata.
Kan biraan immoo afaan biyya biraa filuurra afaanoota Zaambiyaa keessatti dubbataman biroo filachuun dursa ta'uu qaba jedhu.
Zaambiyaan dhiyeenyatti himaanna liqii Chaayinaa biyyiti irraa qabdu waan baay'ateef qabeenyoota uummataa ijoo kan akka midiyaa biyyaalessaafi Buufata Xiyyaaraa Keneet Kawundaa qabsiisteetti jedhu haaluuf dirqamteetti.
Chaayinaanis himannaa kana haalteetti. Akka gabaasa mootummaatti, liqiin biyya alaa Zaambiyaarra jiru dolaara biiliyoona 7 yeroo ta'u kana keessaa %30 qarshii Chaayinaa irraa liqeeffattedha.













