Hogganaa Mana Kiristaanaa Waashingitan: 'Lubni Saamu'el hojiirraa hin dhorkamne'

Madda suuraa, OMN
Lubni Saamu'el Birhaanuu Jabeessaa erga waltajjii Jawaar irratti argamanii booda akka hojiirraa dhorkaman BBC'tti himanis, bulchaan Mana Kiristaanichaa garuu hin dhorkamne jedhan.
''Lubni Saamu'el hojiirraa hin dhorkamne, hojiin isaaniis hojii yeroo dabalataan hojjetamudha,'' jechuun Hogganaan Mana kiristaanaa Qulqullitti Maariyaam magaalaa Waashingitan DC kan ta'an Luba Dr. Amaaree Kaasaayee himaniiru.
''Qarshiin kanfalluuf kan geejjibaaf yoo ta'u daa'imman ni barsiisa. Takka takka ni lallabu, ni qaddasus. Akka waan wanta guddaa dhabaniitti kan tilmaamamu miti. Akkasitti namni fudhatun isaa na gaddisiseera,'' jedhaniiru.
Lubi Dr Amaaree ofii isaanii garuu hiriira mormii Jawaar irratti akka argaman BBC'f himaniiru. Isaan yeroo ala turan Lubni Saamu'el immoo keessa turan.
''Oduurratti waan dhagaheef garasitti deemeera. Gafaa sana ani alan ture Lubni Saamu'el immoo keessa ture,'' jedhan.
Ta'us, hojii dhorkaman osoo hin taane bulee isaa Dilbata waan ta'eef hordoftoonni amantichaa komii irratti waan kaasaneif rakkoon akka hin dhalannef jecha akka ergaa barreessanief BBC'tti himaniiru.
Mormii Jawaar, 'hojiirraa hin dhorkamne'
Tibbana rogeessiifi xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad imala isaa magaalaale Ameerikaa keessatti taasisaa jiran deeggarsaan alatti mormiin isa qunnameera.
Kunis, manneen kiristaanaa Itoophiyaa keessatti gubatan waliin isa kan himatan ta'us inni garuu ni balaaleeffata.
Lubni Saamu'el sagantaa Jawaar irratti argamuun isaanii akka isaan gaddisiise Lubni Dr Amaareen ni himu.
''Ilmakoo! Sagantaa Jawaar irratti argamuunkee hawaasas anas dallansiiseera. Kanaaf, siifis ta'e bataskaanichiaaf jecha guyyaa boru akka hin dhufne,'' jechun mobaayilii Luba Saamu'el irratti akka ergan himu.
''Waan gara fuulduraa ta'u ni murteessina jechuuni mobaayilii isaa irratti kanin barreessee ergeef. Malee, hojiirraas hin dhorkamne, xalayaanis hin barreeffamnef, dhimmisaa achi hin geenyes,'' jedhaniiru.
''Achitti argamu isaatti ummanni ni gadde. Anis nan gadde. Ummanni bilbilee natti iyye. Kuni kan ta'e gaafa Sanbataati. Bulee isaa gaafa Dilbataa osoo inni dhufee rakkootu dhalata,'' jechuun guyyaa itti aanu akka hin dhufne jenne malee hin dhorkamne jedhaniiru.
''Hawaasni Jawaar irratti mormii qaba. Maalif jennaan hojii hojjetudha. Waan Jawaar ta'ef miti. Waan Oromoo ta'efis miti. Waan Musliima ta'efis miti. Hojii isaatiini,'' jechuun himatu.
Lubni Saamu'el bataskaana kanatti dhufe tajaajiluu jennaan koottu kan jedheen ana kan jedhan Lubni Dr Amaaree, 'Maal ta'a osoo dhugaa dubbanne!' jechuun himu.
''Ilmakoo jaaladhuufi kabajudha Lubni Saamu'el. Ijoolleekoo irraa adda baasee hin ilaalu. Waan kuni ta'ef baay'een gadde. Baay'een gaabbe.''












