Luba Saamu'eel Biraanuu: 'Jawaariin simachuuf adda durummaan socho'aa turte jechuun hojiirra na dhorkan'

Madda suuraa, OMN
Hogganaa barnoota sanbataa Bataskaana Dabresalaam Qiddisti Maariyaam Waashingitan DC jiruu kan tahan Lubni Saamu'eel Biraanuu Jabeessaa kaleessa wal gahii Jawaar Mahaammad hawaasa Oromoo waliin taasise irratti argamanii kadhannaa waan raawwataniif hojii isaanii irraa dhorkamu BBC'tti hamniiru.
Lubni Saamu'eel Biraanuu marii Jawaar Mahaammad hawaasa Oromoo magaalichaa waliin taasise irratti argamanii saganticha eebbisanii akka bananiif afeeramanii akka deeman BBCtti himaniiru.
''Erga saganticha xumurree gallee akka Itoophiyaatti halkan keessaa sa'a sadii irratti xalayaan hojii gaggeessaa Dr Amaaree Kaasayee irraa na gahe. Ilma koo, Jawaariin simachuuf adda durummaan hojjetaa fi qindeessaa turte.
Kun ammoo amantootas anaanis waan dheekkamsiiseef hanga qorannee dhimmicha adda baasnutti nageenya kee fi mana amantichaaf jecha akka tajaajila irratti hin argamne'' kan jedhu ture kan naaf ergan.
Ani dursee sagada akkan godhuuf afeeramuu koo itti himeera kan jedhan lubni Saamu'eel hojii gaggeessichi xalayaa itti barreessan ofii isaanii achuma akka turan himaniiru.
''Kaayyoo deemneeftu gargari malee isaanis achuma turan. Deemeera. Ofii koos achan ture na jedhan. Anis namoota irraa dhagaheera.''
Hojii gaggeesichi Jawaar bataskaana gubsiisaa, amantoota keenya ajjesisaa tureera jechuun mormuuf bahan. Ani immoo ol seenee akkan afeerametti Jawaariin gaafadhee deebii argachuuf ture jedhan.
Jawaar bataskaana kan dhaabe uummatuma keenya waan taheef kana booda hin gbatu jechuun nu waliin dubbate jedhan.
Maaliif wal gahicha irratti argamtan?
Afeerraan akkasii haaraa miti kan jedhan lubniu Saamu'eel kanaan duras mana hidhaa kan ture Andu'aalem Arraagee bataskaanatti afeerree erga kadhannaa goonee booddee haala mana hidhaa keessatti isa mudate, jireenya isaa nuuf qoodaa ture jedhan.
Jawaaris waan addaa miti bifuma wal fakkaatuun waan uummata keenyaaf fayyadu qooduu fi qooddachuuf mirga waan qabnuufan deeme jedhan.
Lubni Saamu'eel akka jedhanitti saganticha irratti akka argamanii sirna kadhannaa Afaan Oromoon raawwatan hawwaasni Oromoo magaalichaa afeeruu himan.
Dabalataan lubichi ''Jawaar Mahaamd mana amantaa Ortodoksii gubsiiseera, amantoota keenya ajjeesiseera, kanaaf haa hidhamu, haa ajjeefamu'' jedhanii duula gaggeessaa waan turaniif afaan isaa irraas nan dhagaha jedheen achumaan gaaffii qabadhee deeme jedhan Lubni Saamu'eel Biraanuu.
''Gaaffii qabadhee ofii koofis amantoota keenyaafis nan gaafadha jedheen dhaqee ture.''
Xalayaan kaleessaa addatti akkamitti akka barraa'e hin beeku malee kanaan duras bakka afeeramnetti deemnee eebbisnee, kadhataa turre jedhan Lubni Saamu'eel.
Haal achi ture yommuu ibsan ammoo arrabsoon saba Oromoo irratti xiyyeeffate barsiisa mana amantaa keenyaas tahe amantoota kan bakka bu'u miti jedhan.
Namootni kaan bifa kiristaanotaa uffatanii dhufan malee naamusa amantichaa hin qaban jedhan.
''Arrabsoon akkasii hawwaasa kanaaf waan malu miti, kan nama dheekamsiisudhas.
Ani gara waaqaattan boo'een. Nuyi amantootni ,lubootni, faarfattootni osoo dhugaa isaa adda hin baasiin daboodhaan gareedhaan bahuun, haqa irratti duuluun dhalootaaf biyyaaf hin tahu'' jedhan Lubni Saamu'eel.
Sagantichi erga xumuramees Jawaar kana boodas nuuf kadhadhaa. Kanaan duras kan badiin raawwate tahe jedhamee kan qindaa'edha. Qarreen fi qeeroon masgiidas tahe bataskaana ni eegu jechuun waadaa nuuf gale jedhan.
Akkuma achii bahaniin ammoo xalayichi isaan dhaqqabuu himan.
Mormii Jawaar...
Jalqabuma Jawaar ni dhufa erga jedhamee mormii irratti gaggeessuuf qophaa'aa turan jedhan Lubichi.
Jawaar yakka yoo qabaate kan gaafatamu seeraanidha. Haa ajjeefamu, haa hidhamu jechuun jaala kiristoos hin agarsiisu. Kun mallattoo amantaa keenyaas miti.
Gareedhaan waan akka sii qindeessuuf ammoo amantaa dahaoo godhachuun barbaachisaa miti. Nuyi jaalala isa dhugaadha kan barsiisuu qabnu jechuun ibsan Lubni Saamu'eel.
Kanaan duras luboota oromoo biroo irratti raawwataa akka ture dhagahaan ture. Lubootni lama Waashigitanitti wal gahii hawwaasa Oromoo irratti argamtanii eebbistan jedhamuun akka hin tajaajille dhorkamanii jiru jedhan.
Lubni Saamu'eel Biraanuu Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuutti umurii waggaa 12'n tajaajila akka eegalan himanii walumaagala waggoota 25'f tajaajila irra turuu isaanii himan.
Biyyota akka Xaaliyaanii dabalatee tajaajila irra turuu himanii Ameerikaatti erga tajaajila kennuu egalaniis waggotni jaha darbuu himan.
Bataskaana amma keessa tajaajilaa jiran keessa ammoo waggoota sadii turaniiru. Lubni Saamu'eel dhimma biyya keenyaaf hundiuma keenyatu itti gaafatamummaa qaba jedhanii barsiisota keenyas qajeelchuu qabna jedhan.
















