Daldalaafi tola-oolaa lammii Kanaadaa baqattota 300 baraare

Jiim dhaabbta isaa keessatti

Madda suuraa, Dandy

Ibsa waa'ee suuraa, Jiim dhaabbata bal'aa meeshaalee elektirooniksii raabsu Daanbii jedhamu dhuunfata,

Jiim Estiil daraaraafi hiraara sababii wal-waraansaan Siiriyaa keessaa foddaa TVn yoo argu, waan tokko gochuun gargaaruu akka qabu itti dhagahame.

Daldalaafi tola-oolaan lammii Kaanaadaa, baqattoota Siiriyaa Kaanaadaa keessa qubachiisuuf ofiisaaf kakate, sababiinsaa ''kana gochuun waan sirrii gatii taheef''

Yeroo mootummaan Kaanaadaa bara 2015 baqattoota simachuuf adeemsarra turetti boodatti harkifachaa waan tureef Jiim yaadda'e.

Daldalaan ganna 62 kuni mootummooti dhihaa dhimma kana ariifachiisaa hin jiran jechuun qeeqa ture.

Achiin Jiim doolaara Kaanaadaa miiliyoona 1.5 baasuun baqattoota Siiriyaa gara magaalaa isaa Guu'elf Ontaariyoo fiduuf murteesse.

Kana gochuuf immoo sagantaa Kaandaan baqattoota humna dhuunfaan gargaaruu jedhu, kan yeroo waraana Veetinaam waggaa 41 dura baaste fayyadame.

Jiim jalqabarra maatiiwwan Siiriyaa 50 gara magaalasaa uummata 135,00 qabdutti qubachiise. Walakkaa isaanii immoo manuma isaa galche. Tola ooltota 800 tahan hawaasa Musliimaa waliin hirmaachsie

Namooti waan qaban irraa qoodaniif, mana qullaa qaban kennaniif, loltoonni immoo uffata namoota irraa argaman waliiti qabuun baqattooti qillensa qorraa Kaanaadaa akka bayyanatan godhan.

Kana booda Jiim tokkoon tokkoon maatiin Siiriyaa gargaartoota Afaan Ingliiziifi Arabaa dubbattan ramaduun tajaajila, barnootaa, baankiifi hojiillee akka argatan taasisan.

Baqattoota 28 ta'aniif dhaabbata mataa isaa keessatti hojii qacareen. Warri kaan immoo suuqii fi daldalawwan xixiqqoo biroo akka uuman haala mijeesseef.

Kanaanis Jiim maatiiwwan Siiriyaa 89, namoota 300 gargaare , ''kuni waa'ee namoota yeroo rakkoo isaanii gargaaruu dha.'' jedhe

Baqataan Ahimad Abeed jedhamu yeroo wal waraansaa 2016tti biyyaa bahe, '' Estiilfi sagantaa gargaarsa kanaaf galanni haa tahu magaalli kuni amma mana koo taatee jirti. Haati warraa koos suuqii kaalsii banattee jirti jedha.

Siiriyaa waraanaan mancaate

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jiim seenaa baqattootaan baayyee tuqamuusaa dubbata

Jiim bara 1980tti Yunivarsiitii Ontaariyoo irraa Injiinariingiidhaan kan eebbifame yoo tahu gurgurtaa raabsaa kompitarootaan daldala jalqabe.

Daldalaan kuni bara 2015 irraa qabee dhaabbatasaa meeshaalee elektirooniksii gurguru Daandbii jedhamu hoggana.

Baqattoota gargaaruun hojii hojjeteef badhaasa kabajaa guddaa biyyattii 'Order of Canada' jedhamu argateera.

Bulchaan magaalaa Gu'eelf Kaam Guutraay 'Jiim lafa, qabbanaa'aafi hogganaa qajeelaa dha,'' ''hojjettootaafi hawaasa isaa akkatti inni kunuunsu ani himuu nan danda'a'' jedhan.

Baqattoonni ''mana barbadaa'etti deebinee, obboleessa kootti otuman itti odeessuu na jalaa du'e,'' isa naan jedhan irranfachuu hin danda'u.

''Maatiin kamiyyuu, gammaduu barbaada. Egereen isaanii sodaafi hokkora irraa bilisa akka tahu barbaadu. Kanaaf, 'anaa dhufu' jechuunii qabna 'lammiileen Kaanaadaayyuu gama tokkoon godantota dha''' jedhe Jiim