Abbaan seeraa kutaa biyyaa Filooridaa otoo rafuu dhaddacha irraa hafe hidhaa bu'e

Kutaa dhaddachaa

Madda suuraa, Inpho

Ibsa waa'ee suuraa, Kutaa dhaddachaa

Abbaan seeraa otoo rafuu dhadddacha irraa hafe hidhaa guyyaa 10tiin adabame.

Deandre Somerville, nama ganna 21 yoo tahu Adoolessa darbe dha mana murtiitti akka tajaajilu kan fialtame.

Guyyaa dhaddacha jalaqabaa irrattii sababii hirriba isaan mana murtii otoo hin beeksisiin sa'atii lama barfatee, baniinsa dhaddachaa otoo hin qaqqabiin hafeera.

Manni murtichi seera kabajuu dhiisuun isa himatee, sa'atii 150 tajaajila hawaasaa akka kennuufi doolaara 223 akka adabamu taasiseeras.

Hidhaa isaa erga fixeen booda murtichi 'akka malee' dha jechuun ol iyyachuuf jira.

Deandre Somerville

Madda suuraa, Palm Beach County Police

Ibsa waa'ee suuraa, Deandre Somerville guyyaa 10 hidhaa tureera

''Amma narratti galmeeffamee jira. Akkan yakkamaa tahettiin natti dhagahamaa jira, kana gaafffiif deebii hundattii ibsuun qaba'' jechuun miidiyaalee naannichaatti himeera.

Somerville namoota abbaa murtii tahuuf jedhan ja'a keessa tokko yoo tahu. Dhaddacha irratti argamuun kun kan jalqabaa isaati.

Alaarmii otoo hin guutiin rafee yeroo ka'u sa'atiin tokko darbuu isaafi baniinsi dhaddachaa akka jala tare hubachuu dubbateera.

Baayyee waan naheef warra mana murtiitti bilbilee akka hin himne dubbateera.

Yoo baay'atee adabbii qarshii akka narratti buusan eegeen ture jedha.

Poolisiin akka hidhame isa beeksisuuf mana akkoowwan isaa waliin jiraatu dhaqe.

Dhaddachatti dhiyaates, ''akka sirni jabaataa jiraachuu hin beekun ture, dhuguma dubbachuuf rafaan ture jedheera.

Kana dura mana hidhaa galee akka hin beeknes mana murtiitti himeera. Manni murtii garuu amanuufii hin dandeenye.

Xalayaa jechoota 100 qabuun dhiifamaa illee akka gaafatu jedhameera, Somerville