Harreen diidoo mooraa keessaa miliqee balaa gesisee ajjeeffame

Madda suuraa, AFP
Jarman keessatti harreen diidoo mooraa eeggumsaa keessaa miliqee bade booda balaa tiraafikii geesisuusaatiin rasaasan rukutame ajjeefameera jedhe poolisiin.
Poolisiin kaabaa magaalaa Rostook akka jedhetti harreen diidoo sochii tiraafikii sakaalee, konkolaataa balleessee akkasumas daandii doqdoqqee A20 irra gaafa Roobii balaa gesiseera.
Harreen diidoo miliqee inni lammaffaan immoo qabameera.
Odeeffannoo guutuun ajjeechaa hawaasaaf ifa hin taane.
Akkaata harreen diidoo lamaan kunneen gaafa Kibxata galagala kaabaa Jarmaniitii miliqaniis ifa miti.
Gaafa Roobii poolisiin fuula Tiwiitariirratti harreen diidoon miliqe tokko sochii tiraafikii sakaaluu akka danda'uu fi daandii saffisaarratti balaa akka gesisuu danda'u ibsee ture.
"Harreen diidoo kallattii dogoggoraarra deemaa ture," jedhan dubbi himaan poolisiin.
Ibsa biraatiin, walitti bu'iinsa uumameen akka hin madoofne ibsaniiru ta'us garuu konkolaataan harree diidoo irraa qabu konkolaataan biroo immoo balaa geesise.
Harreen diidoonis konkolaataarratti balaa geesisuun yeroo murtaa'eef sochii tiraafikii sakaaleera jedhaniiru.

Madda suuraa, AFP
Booda irra garuu rasaasan rukutamee du'uu himan.
Harreen diidoo inni lammaffaa garuu qabamee gara mooraa geeffamuu dubbatu.














