Dirree kubbaa miilaa Ostiriyaa bosona keessatti dhaaban

Madda suuraa, EPA
Dirreen kubbaa miilaa Oostiriyaa bosona Awurooppaa duriitti jijjiirame.
Dizaayiniin kana kan qixeessan Kilaawus Litmaaniin yeroo tahan yaadni isaaniis jijjiirama qilleensaafi cirama bosonaa mormuuni.
Dirree kana keessa biqiltuun 300 dhaabateera. Turtii torban torbaa keessatti bineensota haawwatallee jedhamee eegama.
Yaadni kuni ilaalcha 'distopiyaa' addunyaa ittin ilaalurraa madde. Kunis, uumamni bakkewwan muraasa akka fakkeenyaatti bineensota dahoo argatanii kunuunsa argatanitti (Afaan Ingiliziin Zuu jedhamutti) mul'ata jedhurraa dhufe.

Madda suuraa, Max Peintner
Liitimaan bara 1970 ture fakkii kana kan jaalate. Garuu kuusaa aartii buufata isaa Ameerikaa godhatetti waan gurguramee turef bitachuu hin dandeenye ture jechuun BBC'tti himan.
''Egaa yeroosi eegalee isa fakkiirra jiru lafarra mul'isuu barbaade,'' jedhan.

Madda suuraa, Reuters
Waggoota 30 booda, yaadni suni lafarra mul'ate. Adeemsa kanas Afaan Ingiliziin ''Forest - The Unending Attraction of Nature'' jedhaniin.
Dirree Kubbaa miilaa 'Wörthersee' jedhamuufi magaalaa 'Klagenfurt' inni dhaabame kuni daawwattoota 30,000 qabachuu danda'a.
Gaafa Arfaasaan dhufes bosonichi bifa geeddara jedhamee eegama.

Madda suuraa, Unimo
Biqiltoonni 299 hundi bakka biqiltuu kunuunsan biraa dhufan. Gaafa pirojektiin kuni goolabames qarqara dirree kubbaa miilaatti dhaabamu jedhamee eegama.
''Takkaa kana dura kanneen lubbuu qabaniin aartii dalagee hin beeku. Kana suuraa, halluu dibuufi boca bocu waliin walbira qabun hin danda'amu,'' jedhu Liitimaan.

Madda suuraa, Unimo
Artist Liitimaan kana qofaa hin dalagne. Arkitektii Iinzo Iniyaa jedhamu waliin hojjetan. Arkitektiin kuni haala qilleensa garagaraa keessatti mukkeen irratti waan dalageef isa gargaareera.

Madda suuraa, Gerhard Maurer















