Lammiileen Iraan biyyattiin Ispoortii addunyaarraa akka dhorkamtu gaafatan

Saayid Mollayi

Madda suuraa, Getty Images

Lammiileen Iraan mootummaa isaaniitti mufatan biyyattiin gosa ispoortii addunyaa dorgomamu irraa akka dhorkamtuuf waamicha dhiheessani.

Sochiin #BanIRSportsFederations ykn 'federeeshinii ispoortii Iraan dhorkaa' jedhu saatiii 24 keessatti qofa si'a 60,000 Tiwiitara gubbaa naanna'eera.

Ka'umsii sochii kanaa gocha gurguddoo lama- tokko kubbaa miilaa biyaa keessaa, kaan immoo juudoo idil addunyaa dha.

Kanneen miidiyaa hawaasummaa gubbaa barreessan kuni lammileefi mootummaa gidduutti waldhabdee jiraachuu isaa agarsiisa jedhu.

Namootni gariin dhimma dubartii ganna 24, kan dirree kubbaa miilaa dhiira fakkaattee seenuuf waan yaalteef hidhaan erga irratti murtaa'ee booda mormiin mana murtii Tehiraan duratti ibidda ofitti qabsiiste ka'umsa godhatu.

Mootummaan Iraan hanga ammaatti dubartoonni tapha kubbaa miilaa ilaaluu akka danda'aniif hin eeyyamne.

Namootni kaan amma dhimmaa dorgomaa juudoo Sayiid Mollayi kaasu.

Dorgommii shaampiyoona Juudoo addunyaa 2019 irratti, atileeti lammii Israa'el waliin akka hin dorgomneef jecha dorgommiicha akka dhiisuu aanga'oonni Iraan erga itti himanii booda nageenya isaaf akka sodaatu Sayiid dubbateera.

Iraan, Israa'eeliin akka biyyaatti waan hin fudhaneef dorgommiwwan ispoortii idil addunyaa irratti atileetota ishee atileetota lammii Israa'el waliin akka hin morkanne ni dhorkiti.