Qoonsilaa Jiddaa: 'Ji'a 11 keessatti namoota kuma 100 ol biyyatti deebifne'

Guyyaa 10 dura Sa'ud Arabiyaa Magaalaa Makkaatti lammilee Itoophiyaa 105 qophii simannaa Janaraal Kamaal Galchuurratti qabaman hidhaman keessaa dubartoonni 18 Kamisa gara biyyaatti deebifamaniiru.

Biiroon Qoosilaa FDRE Itoophiyaa Sa'ud Arabiyaa Jiddaatti argamu namoonni kunniin kan qabaman eeyyama biyyatti keessa isaan tursuu waan hin qabneef akkasumas ulaagaa seera qabessummaa wanna hin guutnefi jedha.

Biiroo Qoonsilaa Itoophiyaa Sa'ud Arabiyaa Jiddaatti Qonsil Jeneeraal Abduu Yaasiin namoonni lama sirna Haajiif biyyattii seenan qabaman keessa turanii jedhu.

Qoonsilaan Jidddaa namoonnii qabaman 105 haa jedhuyyuu malee namoonni hidhamanii gadhiifaman baayyinnisaanii 200 akka gahu dubbatu.

Biiroon Qoonsilaa Itoophiyaa Jiddaa jiru kanneen taatee guyyaa 10 dura simannaa Janaral Kamaal Galchuu wajjin walqabateen hidhaman keessaa kaan gadhiifamanii kan hafan kamisa dhuftu gara biyyatti deebisuuf akka jiru beeksise.

Namoota hidharraa gadhiifaman bilbilaan haasoofsifne akka jedhanitti Jeneraal Kamaal galchuu dabalatee keessummoota biroo sirna Haajiif biyyatti seenan simachuuf hoteela Magaala Makkaa tokko keessatti walitti qabaman humnoota tikaa biyyattin torban tokko dura qabamuu dargaggoon biyyatti jiraatu maqaan isa akka dhahamu hinfeene himeera.

Namoonni harki walakkaan ol eeyyama biyyatti keessa tursiisu qaban gadhiifamu himuun, Kaleessas shamarran lama fi dhiirotni 11 gara biyyatti deebi'ufi kaan hidhaatti hafu dubbate.

Wayita sanatti namoonni shanii ol buruqanii miidhama qaamaaf kanneen saaxilamanille akka turanis dargaggoon kun himeera.

''Mirgasaanii sarbame yoo jiraate, Kaffaltiin isaanii kan fudhanne akka hin jirre adda baafne sanadaa imalaa qopheessineefi jirraa'' jedhan Qonsil Jeneeraal Abduu Yaasiin.

Eeyyama biyyatti keessaa jiraachuu fi hojii kanneen qaban battaluma sanatti hiiksifnes jedhu.

Namoonni kunnin akkamiin hidhaman?

Walgahii (Gasirii) qopheeffannee Ulaamaa'ota, Jeneeraal Kamaal Galchuu dabalatee keessummoota biyyaarraa Makkaatti imalan simachuun hoteela tokkoo affeerraa laaqanaa qopheessuu namootni hidha bahan nuti dubbifne ni himu.

Sagantichi boodarra dhukaasa poolisiin bittinaa'uu, nyaanni qopha'ees achumatti gatuun konkolaata 2 oliin fe'amne harka dugda dubatti nu hidhanii achii deemne jedhan.

Akkamittin gara sagantaa sanatti poolisoonni akka dhufan hin beeknu jedhan namooni BBC'n haasofsiise.

Akka sa'aatii biyyatti sa'aatii 11 tti ''otoo keessummoota simachuuf eegnuu humni poolisii addaa Sa'udii akka hin sochoone nu ugguran'' jedhu.

Namoonni saganticharra turan akka jedhanitti, namootni 6 erga buruqaniiti poolisiin kan qaqqabe. Otoo baqataniis kan mada'aan jirachuu himan.

lubbuun nama darbee jedhamee midiyaa hawaasaarratti maxxxanfame garuu soba jedhu namoonni hidhamanii bahuu dubbatan.

Mana keessa turanitti poolisonni ol seenanii akka ol hin kaanee dhorkuun dhukaasa akka bananii fi namoota kaanis reeban dubbatan.

Kanneen eeyyama qaban gadhiisanii, kanneen eeyyama hin qabnef shakkiii irraa qaban hambisaanii Shumeetii iddo jedhamu bakka Jiddaa fi Makkaa gidduutti argamu geessu himan.

Ijoollee Oromoo 200 mana sana turan keessaa eeyyama hojii kan qabaniis , kanneen hin qabnes jirachuu himan.

Biiroo Qoonsilaatti iyyaanoo dhiyeessuu kan dubbatan namamoonni hidhaa gadhiifamu dubbatan muraasni akka qorataman waadaa akka seenameef dubbataniiru

'Ji'a 11 keessatti namoota kuma 100 ol biyyatti deebifne'

Lammilee Itoophiyaa galaana Diimaa fi biyya waraana keessa jirtu Yeman qaxxamanii Sa'ud Arabiyaa seenan hedduu gara biyyatti deebisuus kaasan.

Ji'oota 11 keessaatti namoota kuma 100 ol Mootummaa biyyatti waliin ta'uu gara biyyatti deebifnee galchinee jedhu Qonsil Jeneeraal Abduu Yaasiin.

Namoota gara biyyatti deebifaman keessaa Mariyam Huseen, eeyyama haaromfame otoo qabdu biyyatti deebifamu bilbilaan BBCtti himuun, 'Imbaasiin Itoophiyaa nan deeggarre' jechuun komatte.

Mindaa hojiisaniillee akka hin fudhannee kan himan keessaa muraasni bilbilaan haasofsiifne gara Sa'uditti lammaffaa deebi'uuf fedhii akka hin qabne kaasan.

Biiroon Qonsilaa Jiddaa garuu, eeyyama akka hin qabne mirkaneessuun biyyatti deebisuu hime.

Sanada imalaafi eeyyama biyyatti jiraachuu kanneen hin qabne biyyattiin akkaa hin eeyyamnes himaniiru.

Fulduratti biyyyoota Bahagiddugaleessaa fi biyyoota Araboota naannoo Galfiitti argamanitti carra hojii barbaaduudhaan mootummaan karaa seera qqabeessaan akka lammileen Itoophiyaa naannicha seenan mijeessuun gaariidha jedhu.

Sa'ud Arabiyaa Riyaaditti lammiin karaa seera qabeessan hojii eegalan jiraachuu kaasuun haaldureen hin guutamne hafee jira garuu jalqabbii gaariidha jechuun odeeffannoo bal'aa kennuurra ofqusatan.