Lammileen Chaayinaa dhoksaan dhugaatii alkoolii aadaa omishan to'ataman

Madda suuraa, DCI TWITTER
Lammiileen Chaayinaa lama Keeniyaatti dhoksaadhaan osoo dhugaatii aadaa alkooliin isaa guddaa ta'e baayyinaan omishaa jiranii bira ga'amee to'ataman.
Polosiin Keeniyaa dhugaatii alkoolii aadaa biyyattii Chaangi jedhamu dhoksaatti baayinaan omishaa osoo jiranu qabeera jechuun beeksise.
Lammiileen Chaayinaa dhugaatii alakoolii kana gurguraa kan jiran bakka Maachaakoos jedhamutti ta'u polisiin erga ummatarraa eeruu argateen booda sakkatta'iinsa taasiseen dhugaatii kana baayyina qabuufi meshaalee dhugaaticha tolachuuf gargaaran to'achuusaa beeksiseera.
Jiddugalli qorannoo Keeniyaa akka beeksiiseetti, shakkamtoonni lammiilee Chaayinaa Waangi Yaalaan fi Waangi Haayijiiyaan kanneen jedhaman ta'u beeksiseera.
Sakkatta'iinsa poolisiin mana lammiilee Chaayinaa kanneen keessatti taasiseen meetanolii liitira 800, dhugaatii alkoolii liitira kuma sadiifi jikita alkoolii barmeela hedduu, qulqulleessituu bishaanii gurguddaafi gosawwan miidhaanii alkoolii hojjachuuf barbaachisan argameera jedhame.
Kana malees, poolisiin akka jedheetti meeshaaleen dhugaatii aadaa kana sadarkaa warshaatti omishuuf dandeessisan mana shakkamtootaatti argamuus himameera.
Dhimmoota mana shakkamtoota kanneen lamaaniitti argaman keessaa, kemikaalli Etaanool jedhamuufi dhugaaticha omishuuf oolan balaafamaa yoo ta'u, namoonni haala salphaan akka machaa'an taasisa jedhaneera.
Kana duras sababii dhugaatii aadaa mana keessatti omishamutiin namoonni lubbusaanii darbeefi kanneen ijaa jaamaniif sababiinsaa Etaanolii dhugaatii qopheessuuf itti gargaaramuu ta'uu amanama.

Madda suuraa, DCI TWITTER
Lammiileen Chaayinaa kunneen kana dura taasifamee kan hin beekamne dhugaatii aadaa Keeniyaa sadarkaa warshaatti omishuun saamsanii dhiyeessaa akka turan shakkama.
Kanaafis torbaan darbe irraa kaasee dhugaatiin Chaangaa saamsameefi maddisaa eessa akka ta'e kan hin beekamne baliinaan midiyaa hawaasaarratti adeemaa ture.
Haala seeraan alaatiin dhugaaticha mana keessatti omishuufi kuusuun shakkamanii kan to'ataman lammiileen Chaayinaa kunnen lamaan, haala seera qabeessa ta'een gara Keeniyaa galunsaanii waan hin beekamneef qorannoon irratti gaggeeffamaa kan jiruufi Wiixata man murteetti kan dhiyaatan ta'un ibsameera.














