Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dawaan yaalii Iboola harka 90 fayyisuu danda'u argame
Iboolaan tarii yeroo dhiyoo keessatti dhukkuba "ittifamuufi wal'aanamu" akka ta'u yaaliiwwan dawaa lamaa erga taasifamanii booda carraa dhibee kanarraa ooluu haalaan foyyaa'eera jedhan saayintistoonni.
Gosti dawaa afur dhukkubsattoota dhibichaa iddoo weerarri vaayirasii iboolaa itti hammaate Dimokiraatik Rippaabilika Koongootti yaaliif dhiyaateera.
Isaan keessaa lama dhibee kana yaaluurratti bu'a qabeessa ta'uusaanii qo'annoon mul'iseera.
Qorichoonni kun namoota dhibichaan qabaman hunda yaaluuf akka gargaaruu qondaaltonni fayyaa biyyattii himaniiru.
Jaarmiyaan Alarjiifi Dhibeewwan Daddarboo Ameerikaa (NIAID) yaalicha kan deeggaraa ture yoo ta'u, dhukkuba to'achuuf yaaliin kun oduu gaaridhaa jedheera.
Qorichi REGN-EB3 fi mAb114, jedhaman farreen qaamota alagaa(antibodies) fayyadamuun dhibee kana aleeluun, akka inni seelii namarratti miidhaa geessisu qolatuuf fayyada.
Daarektarri NIAID Dr. Antoonii Fawusii akka jedhanitti dhukubsatoota Iboolaatiif "qoricha yeroo jalqabaatiif qorannoon fudhatama qabu irratti gaggeeffamee du'aatii haalaan hir'isuudha,".
Qorichawwan REGN-EB3 fi mAb114 jedhaman farreen qaama alagaa namoota dhibee Iboolaarraa oolan kan bara darbe DR Koongoo keessatti namoota 1,800 ajjeese irraa argame fayyadamuun hojjetame.
Gosoonni qorichoota lama kanneen biroo bu'a qabeessa hin turre yaaliirraa hambifamaniiru.
Bu'aa yaalichaa
Yaaliin qo'annoo kun ji'a Sadaasaa bara darbee dhaabbata Fayyaa Addunyaa waliin qinda'uun eegalame.
Yeroo sanarraa jalqabee dhukkubsattoota 700 irratti qorichoonni yaalii afur yaalamuun bu'aan yaalii kana kan namoota 499 barameera.
Dhukkubsattoota qorichoonni bu'a qabeessa jedhaman REGN-EB3 keessa harki 29 fi mAb114 jedhamu kennamee keessaa harki 34 du'aaniiru.
Qondaaltonni fayyaa dhukkubsatoonni harki 90'n otoo itti hin jabaatiin yoo yaalaman fayyuu akka danda'an qorataan dhibee daddarboo Sabuhuu Mulaanguu himaaniru.
Dhiibbaa qorichoonni kun fidan
Daarektarri Wellcome Trust Global Health Charity Jeramii Farar qorichoonni kun akka lubbuu bararaan shakkii hin qabuu jedhe.
Saayintistoonni dhibee kana fayyisuutti dhiyaachuusaaniin mul'isaa jedhan.
Weerara dhibichaa naanniichatti fi biyyattii keessatti akka hin tamsaane to'achuu hin dandeenye turee jedha.
Weerarri dhibicha DR Koongoo keessatti hammam hamaadha?
Bahaa DR Koongoo keessatti bara darbe ji'a Hagayyaa eegale erga bara 1976 argamee isaa hamaadha.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas ji'a muraasa booda dhimma fayyaa hawaasaa yaaddeessaa ta'u labse.
Dhiya Afrikaatti bara 2014-16 tti weerarri dhibichaa namoota 28,616 miidhe keesattu biyyoota Giinii , Laaberiyaa fi Seeraliyoon keessa namoota jiraatan. Namoota 11,310 ajjeesuun weerarri dhibicha erga uumamee isa guddaa ta'ee galmaa'e.
Dhiyeenyatti tattaaffiin dhibicha to'achuuf taasifamu jeequmsa hidhattoonni uumaniifi shakkiin deeggarsa lammileen wal'ansa fayyaa biyyoota alaarra argaurrattti qaban tattaficha danqeera.
Jalqaba ji'a kanaatti doktorooniin DR sadii Koongoo ogeessaa dhaabbata fayyaa addunyaa ajjeesuuniru jedhamanii hidhamaniiru.
dhaabbileen fayyaa 200 ol barana aleelamaniiru, kunis jeequmdsa uumuun talaalli wal'aansa kennamu gufachiiseera.
Balaa yeroo tokko qaqqabeenis maatiin tokko ogeeyyii fayyaa sirna awwalaa firasaanii dhibichaan miidhame qindeessa turani miidhaniiru.
Barruun fayyaa Lancet jedhamuu bara 2018 maxxanfame tamsa'iina dhibicharratti odeffannoon sirrii hin taanee tamsa'ee akka ture barreessuu isaatu yaadatama.
- Iboolaan jalqabarratti dhukkubbi tasaa mudatu, dadhabbii cimaa, qoonqoo keessa dhukkubu fida
- Aqqee walirraa hin citne, garaa kaasaafi qaaam keessaa fi alatti dhiiguu hordofsiisa
- Namni kallattiin gogaa, afaan ykn funyaan nama dhibichaan qabamee dhangala'oo qaama dhuukubsataa keessa bae tuqe dhibichaan qabama
- Qaamonni dhukkubsatichaa hojii dhaabuu fi dhangala'oon dhiiga keessaa fixuun ajjeesuu danda'a