ET302: 'Haadha warraa fi ijoollee koo sadii balaa xiyyaaraa Itoophiyaatiin dhabe'

"Haadha warraa koo Kaarol fi ijoollee koo sadi Riyaan, Keelii fi Rabii akkasumas haadha haadha warraa [amaatii] koos dhabeera. Akka malee kophummaan natti dhagaahama. Namootni daa'imman isaanii waliin yoo taphatan nan arga, ani garuu ijoollee koo deebisee argachuu hin danda'u. Kana booda fuula isaanii hin argu, sagalee isaaniis hin dhagahu."

Pool Injoroogee maatii isaa guutuu balaa xiyyaaraa Itoophiyaa ET302 Bitootessa 10 mudatee, lubbuu namoota 157 galaafateen dhabe.

Pool yeroo ammaa hiriyoota isaa biratti gala, mana ofiitti deebi'uu hin dandeenye. Manatti deebi'ee kophee fi uffata ijoollee isaa arguu sodaate.

"Gonkumaa mana sanatti hin deebi'u" jedha. Firoonni isaa meeshaa isaa akka baasaniif eegaa jira.

Balaan Xiyyaaraa ET302 Bitootessa darbe mudate kan lammataati. Sadaasa bara 2018 xiyyaarri Indooneezhiyaa gosa wal fakkaataa kufee caccabee ture.

Gabaasni qorannoo jalqaba rakkoon balaa xiyyaaraa lamaanuu to'annoon balalii xiyyaarota lameenii rakkoo godhachuu akka ta'e mul'iseera.

Amma maatiin firoota isaanii dhaban rakkoo wal fakkaataa furamuu danda'uun maaliif namoonni 157 du'ani jedhanii gaafataa jiru.

Balaa jalqabaa sana booda maaf xiyyaarichi balalii akka dhaabu hin taasifamne jechuun gaafatu.

Yoom, maaltu ta'e?

  • Onkoloolessa 29, 2018: Xiyyaarri 737 Max 8 daandii qilleensa 'Lion Air' Indooneezhiyaa irraa ka'e kufee namoota 189 galaafate.
  • Amajjii 31, 2019: Boeing maamiloota 79 irraa ajajni bittaa xiyyaara Max 5,011 isa gahuu gabaase.
  • Bitootessa 10, 2019: Xiyyaarri 737 Max 8 daandii qilleensa Itoophiyaa kufee caccabee namoota 157 ajjeese.
  • Bitootessa 14 , 2019: Boeing gosti xiyyaaraa 737 Max guutuu addunyaatti balalii akka dhaabu taasise.
  • Waxabajjii 3, 2019: Boeing maatii miidhamtootaa gargaaruuf doolaara miliyoona 100 kennuu beeksise.

Intala Kiriis fi Kilaarii kan taate Dani'eelis balaa kanaan duute. Dani'eel kora eegumsa naannoo Keenyaatti taa'amurratti hirmaachuuf imalaa turte.

Du'a ishee booda mana warra ishee Torontoo Kanaada jiru keessaa gammachuun dhibeera. Suuraan ishee tarreefamee jira.

"Kun balaan biraa mudatee ji'a afur booda deebi'ee mudachuu hin qabu ture. Kun xiyyaarota nageenyi isaanii amansiisaa ta'e keessaa tokkodha nuun jedhu - garuu miti."

"Lubbuu namoota hedduu jaalannuu galaafate, waan fedhan yoo jedhan jireenyi keenya isa duriitti deebi'uu hin danda'u, baay'ee na aarsa" jetti Kiriis.

Balaa kana booda badichaaf quba walitti qabuu guddaatu adeemaa jira.

Miseensi koongirasii Ameerikaa Saam Gireevs jedhamu osoo paayileetota Ameerikaa ta'anii silaa xiyyaaricha to'achuu ni danda'u jechuun "paayileetota biyyoota kaanii" qeeqee jira.

Qorannoon balaa xiyyaarota lamaanuu garuu balaa mudateef sirna balaliinsa xiyyaaraa to'atu MCAS jedhamutu rakkoo qabachuu mul'ise.

Amma gaaffiin jiru xiyyarichi balaliisatti deebi'uu qabamoo hin qabu kan jedhudha.

"Maatii koo kanan dhabe dhimmamuu dhabuu fi hoggansi Boeing sirnaan hojii isaa hojechuu dhabuu akkasumas Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa to'annoo gaha taasisuu dhiisuu isaatiini" jedha Pool.

"Xiyyaaricha balaa isa jalqabaan booda dhaabsisuu qabu turan. Namni 157 sababa isaan murtee sirrii kennuu dhabaniif lubbu dhabe, maatii koo dabalatee" jedha.

Naadiya Mileeroon fi abbaan warraa ishee Maayikil Istumo Lixa Masaashuseets, Ameerikaa keessa jiraatu.

Intalli isaanii shamarree ganna 24 Samiya Rooz Istumo balaa ET302'n lubbuu dhabde. Ijoollee 4 qaban keessa lama du'aan dhabuu isaaniiti. Ilma isaanii tokko kaansariitu ajjeese.

"Akka abjuu nama shororkeessuuti" jetti Naadiyaan.

Inatlli ishee xiyyaaricha osoo hin koriin sa'aatii tokko dura 'Whatsapp' irratti barreessiteefi turte.

Waa'ee balaa kanaa raadiyoo irraa wayita dhageessu battalatti intalli ishee keessa akka jirtu galeef.

"Hollachuun eegale, qaama koo hollachuu irraa ittisuu hin dandeenye" jetti. "Namoota mana keessa jiranitti waan himuus nan dadhabe."

Ji'a tokko booda gadda isaanii humnatti jijjiiranii maaliif Boeing balaa jalqabaa booda xiyyaaricha dhaabuu akka dhiise gaafachaa jiru.

Miseensota Kongirasii Ameerikaa 25 ol qunnamuunis falmaa jiru.

Naadiya fi abbaan warraa ishee Maayikil intalli isaanii sababa Boeing nageenya imaltootaarra bu'aa isaa caalchifateef duute jedhu.

"Sababa kanaan namni biraa tokkollee dabalee akka du'u hin hayyamnu" jedhan.

Dhimma kanarratti BBC'n Boeing dubbisuuf yaalee itti hin milkoofne.

Jalqaba torbee kanaa kaampaanichi maatii balaa lameeniin miidhaman gargaaruuf doolaara miliyoona 100 ramaduu isaa himeera.

"Maallaqi kun deeggarsa barnootaa, baasii jireenyaa fi rakkoolee maatii miidhamtootaa mudatu furuuf oola" jedhe.

Maatiin miidhamtootaa dubbifne gammadoo miti. Maallaqa osoo hin taane gaaffii isaaniif deebii barbaadu.

Namoonni yakka ajjeechaan himataman jiraachuu qabu jetti Kiriis Mooriis. "Iddoo ijaarsaa tokkotti lubbuun namaa akka darbu yoon taasise nan gaafatama. Boeing maaltu adda godha?" jetti.

Pool Injoroogee balaan xiyyaaraa ET302 ittisuun ni danda'ama ture jedha. "Osoo silaa namni isaan gaafatu jiraatee, hidhaan akka isaan eeggatu osoo beeku ta'ee silaa dursani xiyyaaricha dhaabsisu turan" jedha.

Maatiin miidhamtootaa hundi amma deebii barbaaduutti jiru. Kan wanti mudate humnaa ol itti ta'e gaddarraa hin dandamatiin danuudha.

Kaan ammoo gadi bahanii dubbataa jiru - yeroon kana booda Boeing'f mijataa ta'uu dhiisuu mala.