MM Dr Abiy 'mariidhaaf' Sudaan akka deeman egamaa jiru

Hogganaa waraanaa waliin

Madda suuraa, PM Office Ethiopia

Ministirri Muummee Dr Abiy Ahimad haala adeemsa araaraa garee mormitootaa fi Humna Waraanaa Sudaan (TMC) gidduu jalqabme hordoffii taasisuuf magaalaa guddittii Sudaan Kaartum akka galan eegamaa jiraachuu, Sudan Tribune Paarisiitti bu'ureeffate gabaase.

Kaayyoon inni guddaan imala MM Dr Abiy Ahimad kan ammaas marii kana dura Mana Maree Waraanaa Ce'unsaa fi mormitoota Humnoota Bilisummaafi Jijjiramaaf (FFC) gidduutti gaggeefame ture ilaalchisuun hordoffii taasisuufiidha.

Torbaan lama duras Dr Abiy gara Sudaanitti imaluun paartilee mormitootaa fi Mootummaa Ce'umsichaa qofaatti haasofsiisanii turan.

Akka gabaasichi ibseetti, tibbana ammoo Dr Abiy paartilee lamaaniin wal arguun akka wixinee waliigaltichaa fudhatanii, booda dhimma ce'umsa siyaasaatiif, gara Finfinnee akka dhufaniif ni affeerruun jedhamee eegama.

Qaamoolee lamaanuu mana maree bilisa ta'ee hundeessuuf waliigalteerra gahuunsaanii Sudaanitti ergamaan addaa Ministira Mummee Abiy Maahaamud Diriir dubbataniiru. Manni maree kunis waggoota dhufan kan biyyattii bulchu ta'a.

Hogganaan paartii mormitootaa tokko akka dubbateetti, manni marichi miseensoota siviilii saddeetiifi kan waraanaa torba akka qabaatu fi wal harkaa fudhachuun gahee biyyattii bulchuu akka bahaniif Itoophiyaan yaada dhiyeesitee jirti jedhaniiru.

Hogganaan mootummaa ce'umsaa Letanaan janaraal Abdal fattaah al-Buhaarii gamasaanitiin Roobii darbe akka himaniitti, biyyattiin gara sirna dimookiraasiitti ce'uuf paartiilee mormitootaa waliin mari'achuuf qophaa'o dha.

Haa ta'u malee sababii tarkaanfii Waxabajjii 3 humnoota mormitootaa bittinsuuf fudhatameetiin mariin garee lamaanuu osoo fiixaan hin bahiin hafeera.

Bakka bu'aa oduu qabeenyaa mootummaa ta'e 'Sunnaan' Letanaan Janaraal caqasuun akka gabaaseetti, motummaan ce'umsichaa maricha itti fufuuf qophii akka hin taane beeksiseera.